Finfinnee, Ebla 14, 2018(FMC)- Cheelsiin leenjisaa Liyaam Rooseeniyariin gaggeesseera.
Kilabichi leenjisicha kan gaggeesse bara faranjootaa 1912 booda yeroo jalqabaaf kilabichi galchii tokkollee osoo hin lakkoofsisiin walitti aansuun taphoota shaniin injifatamuu hordofeetu.
Kilaba Faransaay Istiraasburg gadi lakkisuun baatii Amajjii keessa kontiraata waggaa shaniifi walakkaa mallatteessuun gara Cheelsii kan dhufan Rooseeniyar dorgommiiwwan hundaan kilabicha yeroo 23 hogganuun yeroo 11 qofa injifatan.
Cheelsiin kaleessa galgala Biraayitaniin galchii 3 fi 0’n injifatamuun isaa leenjisichi gaggeeffamuuf sababa ta’eera.
Abeel Nawaayiin.
#Oromia #Ethiopia