Cop 32 Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisuuf carraa guddaadha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 18, 2018 (FMC) – Yaa’iin Qabeenya QilleensaaMootummoota Gamtoomanii 32ffaan Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisuuf carraa gaariidha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Keessattuu qabeenya Tuurizimii Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisuuf waltajji guddaa akka ta’e ibsan.

Itiyoophiyaan Yaa’iin Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii 32ffaa akka qopheessitu filataman kan yaadatamuudha.

Koree Qindeessituun Biyyaalessaa Karoora hojiilee ijoo irratti bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti mariin gaggeesseera.

Waltajjii guddaa Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisuu keessatti qooda olaanaa qabuudha jedhan Dooktar Abiy yaada maricharratti kennaniin.

Kaayyoon keenya jalqabaa biyya ijaaruudha kan jedhan Dooktar Abiy, adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti bu’uuraaleen misoomaa murteessaa ta’uu kaasan.

Kaayyoo 2ffaan maqaa biyyaa ijaaruu ta’uu ibsuun, Itiyoophiyaan seenaa gaarii fi aadaa hedduu daawwatamuu danda’an qabaachuu dubbatan.

Qabeenya Tuurizimii qabdu addunyaatti beeksisuuf yaa’icha carraa gaarii ta’uu hubachiisan.

Yeroon kunis yeroo maqaa Itiyoophiyaa sirnaan ijaaruuf hojjetamuu qabuudha jedhan.

Kanaaf yaa’icha milkeessuuf hojjechuun murteessaa akka ta’e yaadachiisan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment