Finfinnee, Bitootessa 17, 2018 (FMC) – Daafiin waraana Giddugaleessa Bahaa akka Covid -19 weerara ta’uu danda’a jedhan Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin.
Wayita weerarri Covid – 19 ka’ee turetti guddinni biyyoota addunyaa har’isuu yaadachiisuun, waldhabdeen Giddugaleessa Bahaa kunis guddina addunyaarratti dhiibbaa olaanaa uumuu akka danda’u dubbatan.
Waraanichi Loojistiksii, oomishaa fi cancala dhiyeessii addunyaarratti miidhaa cimaa qaqqabsiisaa jiraachuu eeran.
Kanaanis dhaabbilee Boba’aa, Albuudaa fi Xaa’oo oomishanirratti dhiibbaan gahaa jiraachuu kaasan.
Xumura waraanichaa tilmaamuun rakkisaa ta’us dhiibbaan isaa guddina diinagdee addunyaa sadarkaa olaanaan duubatti deebisa jedhan.
Waraanichi lubbuu lammiilee nagaa gaaga’uurra darbee daldala fi diinagdee idil addunyaa kan gufachiisu ta’uu hubachiisan.
Weerarri dhibee Covid – 19 guddina diinagdee addunyaa miidhee turuu ibsuun, waraanni Giddugaleessa Bahas miidhaa hamaa qaqqabsiisu akka malu yaadachiisan.
#Oromia #Ethiopia