Finfinnee, Guraandhala 25, 2018 (FMC) – Daa’imni Bileen wal’aansa fayyaa akka argattuuf deeggarsi Birrii miiliyoona 4 taasifameefiira.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen waggoota 10 darbaniif sababa bishaan sammuu keessaa fi dhiibbaan sammuu dabaluun (hydrocephalus) sireerraa ka’uu kan dadhabde daa’imni Bileen Ashannaafii wal’aansa fayyaa akka argattuuf deeggarsa Birrii miiliyoona 4 taasifneerra jedhan.
Deeggarsi taasifameef Bileen gara biyya alaa deemtee wal’aansa barbaachisaa akka argatuuf kan dandeessisu ta’uus ibsaniiru.
Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, mana jireenyaa daa’ima Bileenitti argamuun daawwachuu eeran.
Bileen gara biyya alaa deemtee akka wal’aanamtuuf hakiimonni ajajanis sababa hanqina faayinaansiin hanga ammaatti wal’aansa osoo hin argatiin turuu yaadachiisanii, wal’aansa isheef kan barbaachisu Birrii miiliyoona 4 abbaa isheetti kennuu dubbatan.
Deeggarsichi qaama rakkoo jiraattota magaalichaa salphisuuf godhamuu ta’uus ibsan.
Abbaan Bileen magaalichatti hojii qulqullinaa irratti qacaramee hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Abbaan ishee deeggarsa haadhaa malee Bileen, obboleettii ishee quxisuu, obboleettii isaa qaama miidhamtuu taate biraa, Raayyaa Ittisaa keessa tajaajilaa turanii sooroma kan bahan haadha isaa kan kunuunsu; nama jabaa namoota hedduuf fakkeenya ta’udha jedhan.
Daa’imni Bileen wal’aansa Fiiziyooteeraappii ajajameef hordofuuf manni yeroo ammaa keessa jiraatan kan hin mijanneefi amala dhukkubichaa waliin rakkisaa waan ta’eef maatiin mana jireenyaa fooyya’aa akka argatu murteessineerras jedhan.
Baasii waliigalaa wal’aansa Bileen kan uwwisan Sheek Muhaammad Huseen Alii Al Amuudiin galateeffachuun, Bileen yeroo gabaabaa keessatti akka fayyitu hawwaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.