Finfinnee, Onkololeessa 10, 2018 (FMC) – Daandii badii cinaatti dhiisuun qabeenya kuufamaa qabnu misoomsuu fi sirnaan fayyadamuu qabna jedhan Pireezidaantiin duraanii naannoo Oromiyaa Obbo Abbaa Duulaa Gammadaan.
Dooktar Abiy Ahimad hoggantoota duraanii fi hoggantoota yeroo ammaa waliin daawwannaa hojiilee misoomaa Baaleetti taasisan cinaatti Holqa Soofumaritti mata duree’ Duudhaa Soofumar’jedhuun marii gaggeessaniiru.
Baaleen qabeenya kuufamaa Itiyoophiyaarra darbee Afrikaaf gahu qaba jedhan obbo Abbaa Duulaa Gammadaan maricharratti yaada kennaniin.
Qabeenya danuu kana osoo qabnuu hiyyummaa keessa jiraachuun qaanii fi gaabbii guddaa jedhan.
Dargaggoonni hedduun Baalee keessa jiraatan karaa seeraan alaan godaanuun rakkoo hamaaf saaxilamaa jiraachuu eeran.
Qabeenya qabnu haalan misoonsuun itti fayyadamuurra seenessaan walnyaachaa jiraachuun dhimma daraan nama gaabbisiisu akka ta’e eeran.
Hojiileen eegalaman jajjabeessaa fi caalmaatti itti fufuu akka qaban kaasan.
Malaakuu Gaddifiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.