Finfinnee, Guraandhala 29, 2018 (FMC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa wagga waggaan wayita guyyaan dubartootaa idil-addunyaa kabajamu balallii dubartootaan hogganamu taasisuun guyyicha kabaja.
Hojiin daandii qilleensichaa kun sosochii isaa hunda keessatti dubartoonni hirmaannaa cimaa qabaachuu mul’isa.
Guyyaan Dubartootaa Idil-addunyaa bara kanaa mata duree “Sagalee Dubartootaa Walqixxummaa fi Itiyoophiyaa Badhaateef” jedhuun sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.
Daandiin Qilleensichaa karaa mata duree kana ibsuun guyyicha kabajaa kan jiru yoo ta’u, guyyaa har’aas balalliiwwan dubartoota balalliistotaan durfamu 8 taasisa.
Haaluma Kanaan balalliiwwan dubartootaan hogganaman gara magaalota Firaankifart, Akiraa, Muumbaay, Kaayiroo, Jibuutii, Naayiroobii, Wiindihook fi Dirre Dhawaatti ni taasifamu.
Damee Aviyeeshiniin hirmaannaa dubartootaa gudisuuf hojjechaa kan jiru Daandiin Qilleensichaa hojjettoota isaa keessaa dubartoonni %40 qooda yoo qabaatan sadarkaa hoggansaatti ammoo %35 qabu.
Dabalataanis ogummaa balaliisummaa dubartootaaf cufaa ta’ee ture banuun yeroo ammaa Daandiin Qilleensichaa dubartoota balalliistota 95 horateera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.