Finfinnee, Sadaasa 26, 2018 (FMC) – Daandiin nagaa yeroo hunda nama hunda injifataa taasisa jedhe Ministeerri Nageenyaa.
Mootummaan rakkoolee jiran marii fi marabbaan furuun filannoo duraa ta’uu fi kanaafis murannoo qabu irra deddeebiin agarsiisaa tureera.
Qaamoleen hidhannoon socho’aa turan filannoo karaa nagaa akka filatan mootummaan waamicha taasisaa turuu fi simachaas turuu ibse Ministeerri Nageenyaa ibsa har’a baaseen.
Daandiin kun nageenya, haqaa fi sirna fayyadamummaa waloo mirkaneessuuf dandeessisu ijaaruuf daandii filatamaa ta’uu mootummaan ni amana jedhe.
Kana bu’uura godhachuun qaamoleen naannoo Amaaraatti hidhannoon socho’aa turan adeemsichi nageenya ummataa, faayidaa biyyaalessaa fi tasgabbiif bu’aa akka hin qabne hubachuun gara filannoo nagaatti dhufuun murtoo seenaa fi sirrii ta’uu hime.
Daandiin kun hunda injifataa kan taasisu ta’uu isaan Mootummaan Naannoo Amaaraa fi Dhaabbatni Uummatummaa Amaaraa Faannoon tarkaanfii murteessaa fudhataniif dinqisiifannaa olaanaa qabaachuu ibse ministeerichi.
Ammas qaamoleen gaaffii qaban kamiiyyuu karaan deebii argachuu danda’an marii fi marii qofaan ta’uu hime.
Kanaaf qaamoleen hidhannoon socho’an kamiiyyuu daandii kana akka filatan waamicha dhiyeesseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.