Finfinnee, Guraandhala 3, 2018 (FMC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa baatiwwan jahan darban galii Doolaara biiliyoona 4.4 argadhe jedhe.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandichaa Masfin Xasew raawwii baatiwwan jahan darbanii ilaalchisee ibsa kennaniin, dhaabbatichi hojiilee guddinarratti xiyyeeffatan hojjetaa jira jedhan.
Walakkaa waggaatti bakka ga’umsaa idil addunyaa sadi dabaluuf karoorfatee hojjechaa turuu eeruun, kanaanis gara Poortoo, Hanooyii fi Abudaabiitti balallii haaraa eegaluu dubbatan.
Amma bakkeewwan ga’umsaa idil addunyaa 145 qabaachuu eeran.
Biyya keessatti magaaloota 23tti tajaajila balallii kennaa jiraachuu dubbatan.
Baatiwwan jahan darban keessa maamiltoota miiliyoona 10.64 imalchiisuu himan obbo Masfin Xaasew.
Gama damee tajaajila fe’umsaanis meeshaalee Toonii kuma 400 fi kuma 51 imalchiisuueeran.
Waliigalaan tajaajila kennaa tureen galii Doolaara biiliyoona 4.4 argachuu ibsaniiru.
Masaafinti Birilleetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.