Finfinnee, Amajjii 2, 2018(FMC) – Daandiin Qilleensaa keenya boqonnaa haaraa hojii Afrikaa walitti hidhuu waggaa 80f hojjechaa ture cimsu eegaleera jedhan Ministirri Muummee itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa.
Obbo Tamasgeen odeeffannoo fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti qoodaniin, pirojeektota gurguddoo Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Gubaa irratti labsan keessaa Buufata Xiyyaaraa guddicha Bishooftuutti eegalchiisneerra jedhan.
Waggoota kurnee saddeet dura xiyyaarota muraasaan imala kan eegale Daandiin Qilleensaa Itiyoophiya, kaayyoon isaa Itiyoophiyaa addunyaan wal quunnamsiisuu qofa osoo hin taane, kabaja Afrikaa samii irratti ol kaasee mul’isuu dabalata jechuun ibsan.
Waggaatti hanga imaltoota miliyoona 100 fi miliyoona 10 keessummeessuuf humna kan qabu Daandiin Qilleensaa haaraan kun mul’ata ifaa seenaa kabajaa keenya gara boqonnaa haaraatti ceesise fi agarsiistuu imala badhaadhinaa keenyaa ti jedhan.
Pirojeektichi laallee guddaa yaadee guddaa raawwachuu mootummaa keenyaa kan mul’isu, Afrikaan aviyeeshinii addunyaa keessatti qooda olaanaa akka qabaattu kan dandeessisudha jedhan.
Bu’aan dinagdee fi hawaasummaa pirojeektichaa guddaa ta’uu kan ibsan obbo Tamasgeen, Daandiin Qilleensichaa balbala seensaa fi ba’iinsaa Afrikaa ta’ee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaan fakkeenya badhaadhina Afrikaa akka taatuuf imalli kalaqaa fi ariitii keenya damee hundaan cimee itti fufas jedhan.
#Oromia #Ethiopia