Daandiin Qilleensichaa dhaabbata aviyeeshinii ibsituu Paan Afrikaa ta’edha- Obbo Masfin Xaasaw

Finfinnee, Fulbaana 6, 2018(FMC)- Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa dhaabbata aviyeeshinii ardichaa ibsituu Paan Afrikaa ta’edha jedhan Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensichaa obbo Masfin Xaasaw.

Daandiin Qilleensichaa bakka hoggantoonni mootummaa olaanoon, qaamoleen qooda fudhattootaa idil-addunyaa, qaamoleen deeggartootaafi dippiloomaatonni argamanitti Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa dhiyeenya Magaalaa Bishootuutti ijaaramu, raawwii hojii fi mul’ata isaa fuula duraa dhiyeesseera.

Obbo Masfin Xaasaw wayita kana akka jedhanitti, dhaabbatichi ardichatti dhaabbata aviyeeshinii sadarkaa duraarra jiru ta’uusaa itti fufee jira.

Daandiin qilleensichaa maamiltoota isaaf tajaajila amansiisaa kennuu cimsee kan itti fufu ta’uus kaasaniiru.

Maammilli isaa saffisaan guddachaa jiraachuufi waggoottan sadan darban ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishootuu Abuuseeraa eegalchiisuuf qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun hojiilee qophii hojjechaa turuu yaadachiisaniiru.

Mootummaanis pirojektichaaf deeggarsa walitti fufiinsa qabu taasisuu kaasanii, Koreen biyyaalessaa pirojektii kana hordofu Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin hundaa’ee gara hojiitti galuus dubbataniiru.

Buufanni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Abuuseeraan Afrikaa addunyaa waliin walitti hidhuuf shoora olaanaa qabaachuu eeruun, daandiin Qilleensichaa dhaabbata aviyeeshinii ibsituu Paan Afrikaa ta’edha jedhaniiru.

Masaafint Birilleen.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment