Daandiin Qilleensichaa galii Doolara biiliyoona 7.6 argate

Finfinnee, Adoolessa 29, 2017 (FMC )- Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa bara baajataa xumurame galii Doolara biiliyoona 7 fi miiliyoona 600 argachuu ibse.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensichaa obbo Masfin Xaasew ibsa kennaniin akka jedhanitti, Daandiin qilleensichaa Tajaajila si’ataa yeroo madaalu kennaa jira.

Bara Baajatichatti buufataalee idil addunyaa 6 banuun, xiyyaroota garaagaraa 13 hojitti galchuu dubbataniiru.

Bara baajataa 2017tti Daandiin qileensichaa Imaltoota miiliyoona 19 geejjibsisuu kaasaniiru.

Akkasumas dhiibbaawwan adda addaa turuu yaadachiisuun, walitti bu’iinsa biyyoota garaagaraa keessa turaniin balalliiwwan danqamuu himaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok:https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment