Finfinnee, Mudde 3, 2018 (FMC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Xiyyaara Booyingi Diriimlaayin 787 – 8 jedhamu fudhateera.
Xiyyaarri kun imaltoota 213 imalchiisuu danda’a jedhame.
Xiyyaara daran ammayyaa, faalama sagalee muraasa qofa kan qaqqabsiisu, amansiisaa yoo ta’u, dhaabbatichaaf diriimlaayinii 30ffaa ta’uutu himame.
#Oromia #Ethiopia