Daawwannaa Naareendiraa Moodiin Itiyoophiyaatti taasisan hariiroon biyyoota lameenii guddachaa dhufuu mul’isa- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Mudde 8, 2018(FMC)- Daawwannaa Ministirri Muummee Hindi Naareendiraa Moodiin Itiyoophiyaatti taasisan hariiroon biyyoota lameenii dameewwan hedduun guddachaa dhufuu mul’isa jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad affeerraa irbaataa Ministira Muummee Hindi Naareendiraa Moodiif taasifame irratti haasawa taasisaniin, hariiroon seena qabeessi, duudhaaleefi walitti hidhamiinsi biyyoota lamaanii cimaa dhufuu kaasaniiru.

Daawwannaa Naareendiraa Moodiin Itiyoophiyaatti taasisan olka’iinsa dippiloomaasii biyyoota lameenii kan agarsiisu ta’uus ibsan.

Hindi Itiyoophiyaaf michuu waggoota dheeraa ta’uu yaadachiisuun, daawwannaa Ministirri Muummee biyyattii Naareendiraa Moodiin taasisan fayyadamummaa waloof tumsa dameewwan garaagaraan qaban babal’isuuf kutannoo keenya kan mirkaneessedha jedhaniiru.
Yeroo itti aanutti tumsi dhimmoota gurguddoo biyyoota lamaan fayyadamoo taasisan irratti taasifamu cimee akka itti fufu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan falaasama Ida’amuu hordoftuun dameewwan hundaan guddina jajjabeessaa galmeessisaa jiraachuus haasawa isaaniin kaasaniiru.

Hariiroon Itiyoophiyaafi Hindi dippiloomaasiirra darbee walitti hidhamiinsa guddaa qabaachuu ibsuun, biyyoota qaroomina durii qaban ta’uus yaadachiisan.

Hariiroon biyyoota lameenii gara hariiroo tarsiimawaatti guddachuus ibsaniiru.

Egeree waloof biyyoonni lameen tumsaan kan hojjetan ta’uufi daawwannaan Ministira Muummee Hindi Naareendiraa Moodiis mul’anni waloo kun akka milkaa’uuf mirkaneessa jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment