Finfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC)- Mootummaan Ida’amuu guddina diinagdee biyyaalessaa saffisiisuuf utubaalee ijoo guddina diinagdee biyyaalessaa shan kaa’e keessaa dameen albuudaa isa tokko.
Itiyoophiyaan biyya qabeenya albuudaa qaqqaaliin badhaate taatus waggoottaniif gumaachi dameen kun diinagdee biyyaaf taasisaa ture baay’ee gadi aanaa ture.
Mootummaan Ida’amuu hanqina kana furuuf damee albuudaa irratti fooyya’iinsa caaseffamaa gaggeessuun, invastimantii biyya keessaa fi alaa hawwachuun, akkasumas daldala seeraan alaa to’achuun tarkaanfiiwwan bal’aa fudhataa jira.
Sirnoota hojimaataa walxaxaa turan salphisuun, iftoomina uumuun, akkasumas hammattoowwan seeraa fi danbiiwwan kenniinsa eeyyamaa invastimantii alaa hawwachuuf gargaaran qopheessuun hojiirra oolcheera.
Warreen karaa aadaa albuuda baasan kumaatamni waldaan akka gurmaa’aniifi deeggarsa teeknikaa fi faayinaansii akka argatan taasisuun, daldala seeraan alaa irraa gara seera qabeessaatti akka ce’an taasifameera.
Albuudota dheedhii kallattiin erguu mannaa, biyya keessatti sonni akka itti dabalamuuf warshaaleen qulqulleessa albuudaa akka ijaaraman jajjabeessuun, hedduun isaanii gara hojiitti akka seenan taasifameera.
Albuudota akka warqee, tantaalamii, liitiyeemii, marbilii, potaashii fi dhagaa cilee bal’inaan oomishuun, alatti erguudhaan galii sharafa alaa guddaa argamsiisuu fi oomishaalee biyya alaa irraa galan bakka buusuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira.
Bittaan Warqee karaa Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaatiin akka gaggeeffamu jajjabeessuu dabalatee tarkaanfiiwwan fudhataman warqee karaa seeraan alaa biyya keessaa ba’aa ture gara seera qabeessaatti galchuun, daldala al-ergii warqee irraa galii sharafa alaa argamu haalaan guddisuun danda’ameera.
Haaluma Kanaan, akka odeeffannoo Ministeera Albuudaatti, ji’oota saglan jalqabaa bara 2018 qofa keessatti al-ergii albuudaa irraa galiin Doolaara biiliyoona 4 ol argameera.
Kunis waggaa sadii dura galii al-ergii waliigalaa biyyattii waggaa tokko keessatti argachaa turte waliin walqixa ta’uu kan agarsiisu yoo ta’u, xiyyeeffannoo damee kanaaf kennameen waggoota muraasa keessatti bu’aa guddaan galmaa’uu isaa mul’isa.
Walumaagalatti, bara bajataa 2018 keessatti oomisha albuudaa irraa galiin Doolaarri biiliyoona 5.7 ol argameera.
Galtee indaastiriiwwan ijaarsaaf kan oolu dhagaa cilee biyya keessatti oomishuuf tattaaffii taasifameen, dhagaa cilee simintoo fi indaastiriiwwan biroof barbaachisu oomishuun, oomisha biyya alaa irraa galuu bakka buusuun baasii Doolaara biiliyoona hedduutti lakkaa’amu hambisuun danda’ameera.
Dameen kunis dargaggoota kumaatamaaf, keessumaa naannolee qabeenya albuudaatiin badhaadhan keessatti, carraa hojii bal’aa uumeera.
Walumaagalatti, mootummaan Ida’amuu damee albuudaa akka utubaalee ijoo sharafa alaa argamsiisan fi oomishaalee biyya alaa irraa galan bakka buusan keessaa tokkootti fayyadamaa jira.
Fuuldurattis hojiiwwan jalqabaman kanneen akka bu’uuraalee misoomaa babal’isuu, daldala seeraan alaa to’achuufi invastimantii alaa hawwachuu itti fufsiisuun, gahee dameen albuudaa guddina diinagdee biyyattii keessatti qabu caalmaatti cimsuun barbaachisaadha.
Malkaam Fiqaaduun.