Finfinnee, Mudde 16, 2018 (FMC )- Mootummaan naannoo oromiyaa damee beeyladaa irraa bu’aan barbaadamu akka argamuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetaa jira jedhe Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa .
Guyyaa har’aas Inistitiyuutii qorannoo Qonnaa Oromiyaatti Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluu raaddeen sanyii fooyya’oo qonnaan bultootaaf dabarfamanii kennamaniiru.
Sagantaa kana irratti ergaa kan dabarsan Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu damee beeyladaaf xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jira jedhan.
Baay’ina qofa osoo hin ta’iin qorannoon deeggaramuun beeyladoota fooyya’oo qonnaan bulaaf dabarsuun bu’aan gaarii akka argamu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Guyyaa har’aa raaddeen fooyya’aa fayyadamtootaaf dabarfamanii kennamanis qaama hojii kanaa ta’uu kaasaniiru.
Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Fiqiruu Raggaasaa gamasaaniin, damee beeyladaa teknooloojiin fayyadamuun ammayyeessuuf qindoomina olaanaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Sagantaa kanaan Godina Shawaa Bahaa Aanaalee afur gandoota 67 keessatti maatiwwan hanqina nyaataa qaban seeftineetiidhaan deeggaramaa turanis gargaaramtummaarraa gara oomishtummaatti cee’an eebbifamaniiru.
Akkasumas Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaatti dhaabbiin kilaastara muuzii eegalchiifamuu ragaan BKO ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.