Damee Geejjibaa ammayyeessuuf furmaanniwwan Diijitaalaa 3 ifooman

Finfinnee, Caamsaa 6, 2017 (FMC) – Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii Itiyoo Teeleekoomii waliin ta’uun Tajaajila Geejjiba Ummataaf sirna tajaajila dhiyeessa Boba’aa qindaa’aa ifoomseera.

Dhaabbileen lamaan Tajaajila Geejjiba qaxxaamura biyyaaf sirna tajaajila dhiyeessa Boba’aa qindaa’aa fi sirna bulchiinsa adabbii tiraafikaa waltaa’aa ta’e ifoomsaniiru.

Furmaanniwwan Diijitaalaa kunneen adeemsa tajaajila dhiyeessa Boba’aa ammayyeessuu fi odeeffannoo gurgurtaa fi bittaa boba’aa sirrii ta’e yeroon argachuuf kan dandeessisu ta’uun eerameera.

Maamiltoonni dhaabbilee Faayinaansii garaagaraa keessatti filannoowwan argachuu akka danda’an, adeemsi sirna bulchiinsa adabbii tiraafikaa iftoomina akka qabaatu taasiisuu fi dhamaatii tajaajilamtootaa hir’isuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu ka’eera.

Sirnichi dandeettii qindoominaan hojjecuu guddisuun carraa hojii uumuu fi sirna Diijitaalaa hammataa ta’e cimsuuf keessatti gahee jabaa qabaachuu Itiyoo Teeleekoom ibsa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif ergeen himeera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment