Finfinnee, Bitootessa 9, 2018 (FMC) – Damee Geejjibaafi Loojistiksii guddisuuf tumsaan hojjechuun barbaachisaadha jedhe Ministeerri Geejjibaafi Loojistiksii.
Ministeerichi damee geejjibaa irratti qaamolee qooda fudhattootaa waliin marii gaggeessaa jira.
Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Barii’oo Hasan wayita kana biyyattiin riifoormii siiviil sarvisii hunda galeessa ta’e gaggeessuu fi hojii uummataaf dursa kennu hojjechaa jiraachuu ibsan.
Damichi waggoottan darban sababoota garaagaraan boodatti hafee akka ture yaadachiisuun, dandeettii diinagdee Itiyoophiyaa guddisuuf damicharratti xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba jedhan.
Sadarkaa addunyaan damee geejjibaaf loojistiksiin irra geesserra gahuuf bu’uura kaa’uun barbaachisaa ta’uus ibsan.
Riifoormii damichaan hojjetamaa jiru milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Imaammanniifi tarsiimoowwan fooyya’uu qaban hedduun jiraachuu kaasanii, qaamoleen qooda fudhattootaa hundi itti gaafatamummaa isaanii haalaan bahachuu qabu jedhaniiru.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.