Finfinnee, Hagayya 16, 2017 (FMC) – Imala jalqabne galmaan geenyee damee hundaan of danda’uuf dandeettii guddaa qabna jedhan Ministirri Muummee itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan.
Ministirri Muummee ittii aanaan ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti maxxansaniin, Daandiin Baaburaa Itiyoophiyaa jaarraa hedduun dura lammiilee Afrikaa hedduutti tajaajila baaburaa beeksise, boodarras Tajaajilli Baaburaa Itiyoo-Jibuutii, dhaabbata qabeenya guddaa qabatee waggoota dheeraaf awwaalame ta’uu ibsaniiru.
Biyyi keenya dursitee jalqabdee duubatti kan hafte akkaataama mootummooleen jijjiiramaniin aadaa badaa kan ture diiganii haaraa jalqabuun hidhamtee waan turteef jedhan.
Mul’atni haaraan mootummaan jijjiiramaa hordofee fi tarkaanfiin inni fudhate dhaabbata qabeenya biyyaa ta’e, baabburrii fi bu’uuraaleen misoomaa isaa bakka owwaalamee akka ba’uuf wantoonni mooraa isaa keessatti mul’atan bifa isaaniin ragaa kan ba’an ta’uus ibsan.
Qajeeltoo qabeenya dhokatee ture mul’isuun badhaadhina biyyaaf fayyadamuu hordofuun hojiiwwan eegalaman gama geejjibaa, workishooppii fi suphaan daandii jijjiiramaa irra akka jiran dubbataniiru.
Tajaajilli Baaburaa Dirre Dhawaa-Dawwallee Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dhawaa jala jiru hojjettoota faffaca’anii turan walitti qabuun baabura dhaabbate suphee hojiitti galchuun yeroo ammaa torbanitti guyyaa lama tajaajila kennuu eegaluus eeran.
Bara dhufus tajaajila kana guyyaa lama irra guddisuuf karoorfachuusaa eeruun, mootummaan federaalaa milkaa’ina isaaf deeggarsa kennu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Damee hundaan of danda’uuf imala jalqabne galmaan ga’uuf dandeettii guddaa qabna kan jedhan obbo Tamasgeen, tajaajila baaburaa dursinee jalqabnee duubatti hafnus, nurra darbee Afrikaa baaburaan walqunnamsiisuuf boqonnaa haaraan waliin hojjechuun nurraa eegama jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.