Finfinnee, Mudde 8, 2018(FMC)- Damee loojistiksiin hojiin humna namaa gahoome horachuu cimee itti fufa jedhan Ministirri Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee.
Sagantaan eebba shamarranii naannolee fi bulchiinsota magaalotaa irraa babba’anii damee loojistiksiirratti leenji’aa turanii gaggeeffameera.
Dooktar Alamuu Simee wayita kana dameen loojistiksii daldala al-ergiifi galchii saffisiisuun guddina diinagdee biyyaaf qooda olaanaa bahata jedhan.
Tajaajila damichaan kennamu si’eessuuf, amansiisaa taasisuufi ammayyeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Keessumaa ogeeyyii damecha haalaan hubatanii tajaajila si’ataa kennan horachuuf kutannoon hojjetamaa jira jedhan.
Damicha dorgomaafi nageenyummaan isaa kan eegame gochuuf adeemsi hojimaata teeknooloojii ammayyaan deeggarame diriirsuu cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.
Leenjifamtoonni barnoota leenjiin argatan hojiirra oolchuun hawaasa gaarummaan tajaajiluu akka qabanis dhaamaniiru.
Daayrektarri Itti aanaan Abbaa Taayitaa Maariitaayimii Itiyoophiyaa Firaa’ol Xaafaa gamasaaniin, tattaaffiin damee loojistkisiirratti shamarran bobbaasuuf eegalame guddina damichaaf shoora olaanaa qaba jedhan.
Dorgomtummaa tajaajilichaa guddisuuf, carraa hojii uumuufi damicharratti hirmaannaa dubartootaa dabaluuf qooda qabaachuus eeraniiru.
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.