Finfinnee, Sadaasa 29, 2018(FMC)- Damee qonnaa galtee gahaafi makaanaayizeeshiniin deggaruuf hojjetamaa jira jedhan Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Addisuu Araggaan.
Ministeeronni Qonnaa, Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaafi Indaastirii waloon ta’uun waltajjii marii oomisha qamadiifi midhaan zayitaa guddisuurratti kaayyeffate gaggeessaniiru.
Obbo Addisuu Araggaan wayita kana akka biyyaatti wabii nyaataa mirkaneessuuf, oomishaalee alaa galan bakka buusuun dandeettii al-ergii guddisuuf, indaastiriiwwaniif oomishaalee gahaa dhiyeessuufi carraa hojii bal’aa uumuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeran.
Hojiilee waggoottan darban keessa hojjetamaniin bu’aa jajjabeessaan argamaa akka jiru yaadachiisanii, lafa oomisha qamadiin uwwifamu heektaara miiliyoona 4 fi kuma 600 irraa gara heektaara miiliyoona 8 fi kuma 200 guddisuun danda’ameera jedhan.
Oomisha qamadii kuntaala miiliyoona 100 fi miiliyoona 65 irraa gara kuntaala miiliyoona 200 fi miiliyoona 90’tti guddisuun akka danda’ameefi sharafa alaa bittaa qamadiif oolu Doolaara biiliyoona 1 hambisuun danda’amuus dubbataniiru.
Hojii oomishtummaa midhaan zayitaafi dheedhii guddisuuf hojjetameen oomisha argamaa ture kuntaala miiliyoona 16 fi kuma 500 irraa gara kuntaala miiliyoona 37 fi kuma 500 guddisuun danda’amuu eeraniiru.
Yeroo ammaa oomishni zayitaa %20 biyya keessatti oomishamaa jiraachuu kaasanii, dandeettii isaa guddisuufi gara alaatti erguuf hojjetamaa jira jedhan.
Kanaaf cancala sonaa cimsuun walitti hidhamiinsa gabaa uumuun qormaatilee jiran maqsuuf akkasumas oomisha qulqullina qabu dhiyeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Taammiraat Dalaliitu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.