Damee tuurizimii keessatti sirni odeeffannoo tekinooloojiin deggerame babal’achuu qaba – Salamaawwiit Kaasaa 

Finfinnee, Waxabajii 16, 2017 (FMC) – Bu’aa dinagdee damee tuurizimii irraa argamu guddisuuf sirna odeeffamnoo tekinooloojiin deggerame babal’isuun barbaachisaa dha jedhan Ministirri Tuurizimii Salaamaawwiit Kaasaa.
Fooramiin tuurizimii tekinooloojii irratti xiyyeeffatee fi Komiishinii Tuurizimii Oromiyaan qophaa’e geggeeffamuu eegaleera.
Salaamaawwiit Kaasaan ergaa sirnicha irratti dabarsaniin, Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa fi namtolchee hedduu fi dudhaalee aadaa bu’a qabeeyyii ta’an qabaattus, bu’aan dinagdee dame kanarraa argamu garuu baay’ee akka hin taane dubbataniiru.
Mootummaan jijjiiramaa xiyyeeffannoo damee kanaaf kenneen garuu  hojiwwan bakka ga’iinsa tuurizimii haaraa misoomsuu fi kannen duraan turan haaromsuu bal’inaan hojjetamaa akka jiran kaasaniiru.
Kanaanis jijjiiram qabatamaa fiduun bu’aa jajjabeessaan akka argamuuf haalli miijataan galmaa’eera kan jedhan Salaamaawwiit kaasaan, qabeenya kuufamaa damichi qabu fi bu’aa dhufuu malu ilaalchisee ammas hojii guddaa gaafataa hubachiisan.
Keessumaa sirna odeeffannoo tekinooloojiin deggerame babal’isuun bu’aa dinagdee damicharraa argamu guddisuun barbaachisaa dha jedhan.
Komiishinarri itti aanaan Komiishinii Tuurizimii Oromiyaa Naggaa Wadaajoo gama isaaniin, qabeenya tuurizimii naannichatti argamu beeksifamaa akka jiru dubbatanii, fooramiin eegalame kunis qaama hojii kanaa ta’uu himaniiru.
Fooramichi irra jireessaan hojiiwwaan damicha keessatti hojjetaman kan itti beeksifaman, muuxannoon kan irraa argaman fi mareewwan sadarkaa olaanaatti ce’uuf gargaaran kan itti geggeeffaman ta’uu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment