Finfinnee, Hagayya 19, 2017 (FMC) – Addunyaa jijjiiramaa jirtu keessatti hojiilee egeree Afrikaa murteessuu danda’an tumsan raawwachuun barbaachiisaadha jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan.
Gamtaan Madaallii Barnootaa Afrikaa Konfiraansii waggaa 41ffaa magaalaa Finfinneetti gaggeessaa jira.
Pirofeesar Birhaanuu Naggaan wayita kanatti, yeroo ammaa addunyaan qaroomina irra waan jirtuuf galmaa fi bakka gahuumsa egeree Afrikaa yaaduun murteessaadha jedhan.
Dameelee garaagaraan egeree Itiyoophiyaas ta’ee Afrikaa haala amansisaan ijaaruuf tumsaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Fuulduratti jijjiirama Afrikaa hammatee egeree ishee murteessuu danda’an Qonna, Misooma Anniisaa, Bu’uuraalee Misoomaa fi damee Barnoootaa irratti hojjechuu gaafata jedhan.
Daayrektarri Olaanaa Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa Dooktar Isheetuu Kabbadaa gamasaaniin, Madaalliin barnootaa milkaa’ina barnootaa waliigalaaf barbaachiisaadha jedhan.
Leyikuun Alemtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.