Dameeleen Abbootii qabeenyaa biyyoota alaatti cufaa turan banaa ta’uun inveestimeentii guddisaa jira – Ministiroota

Finfinnee, Caamsaa 4, 2017 (FMC) – Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa dabalatee dameeleen inveestimeentii abbootii qabeenyaa biyya alaatti cufaa turan banamuun inveestimeentiin alaa kallattiin akka guddatuuf gargaareera jedhan Ministiroonni.
Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee akka ibsanitti Itiyoophiyaan lafa bal’aa, qabeenya bishaanii guddaa, dargaggoo fi humna namaa barate fi bu’uuraalee misoomaa hedduu waan qabduuf inveestimeentiif miijattuu dha.

Fooyya’iinsi dinagdee Itiyoophiyaan hojiirra oolchite, rifoormiiwwan rakkoolee dhaabbatummaa fi caaseffamaa furuuf hojiirra oolan, guddina biyyaa itti fufiinsa qabu fiduuf kan gargaaran ta’uus himaniiru.

Fooyya’iinsi seeraa fi imammataa akkasumas tarkaanfileen inveestimeentii fi daldala babal’isuuf fudhataman bu’aa busaa jirus jedhan.

Gabaan kaappitaalaa Itiyoophiyaa hojii eegaluunis dinagdee dorgomaa fi damee dhuunfaan durfamu ijaaruuf qooda guddaa akka qabu ibsaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos gama isaniin, Itiyoophiyaan biyya inveetimeentiif miijattee dha jedhan.

Dameen dhunfaa jijjiiramaan dura xiyyeeffannaa malee turuu eeranii, waggoottan jijjiiramaa asi garuu mil’annaa imaammataa jijjiruun dameen dhuunfaa dinagdicha olaantummaan akka dursuuf hojjetamaa jiraachuu kaasan.

Waggoota kurnee hedduuf dameeleen inveesterootaaf cufamoo turan banaa ta’uu kaasuunis, seeronnii fi imaammatoonni inveestimeentiif mijatoo hinturres fooyya’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan humna haaromfamu gatii madaalawaan dhiyeessaa akka jirtu kan himan Dooktar Geediyoon, kunis inveesterootaaf haala kan miijessee dha jedhan.

Komiishinarri Komiishinii Inveestimeentii Ityoophiyaa Dooktar Zallaqaa Tamasgeen gama isaaniin, baroota jijjiiramaa keessa xiyyeeffannaa mootummaan inveesterootaaf kenne bu’aa galmeessiseeraa dubbatan.

Fooramiin Inveetimeentii Itiyoophiyaa kunis tumsa cimsuun carraawwan inveestimeentii akka babal’isuus ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

Comments (0)
Add Comment