Finfinnee, Amajjii 20, 2018 (FMC)- Bara baajata kanatti Damma toonii kuma 300 fi kuma 59 oomishuuf hojjetamaa jira jedhe Ministeerri Qonnaa.
Gorsaan Minisitir Deetaa Ministeera Qonnaa Girmaa Mulugeetaa Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif akka ibsanitti, oomishaa fi oomishtummaa dammaa guddisuuf qulqullina isaa mirkaneessuuf hojiin gaagura ammayyaa babal’isuu hojjetamaa jira.
Bara 2014 irra eegalee gaagura aadaa gara ammayyaatti jijjiiruuf hojii hojjetameen gaagurri ammayyaa baramaa dhufuu kaasaniiru.
Bara baajataa kanatti gaagura ammayyaa miiliyoona 2 fi kuma 800 ol raabsuuf karoorfamuu ibsuun, gaagurri miiliyoonni 2 fi kuma 300 raabsamaa jiru jedhan.
Bara darbe Dammi toonii kumni 300 fi kumni 26 oomishamuu eeruun, bara kanas toonii kuma 300 fi kuma 59 oomishuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Bara 2015 irraa eegalee hanga ammaatti mandarri dammaa kuma 8 fi 800 ol hundeeffamuu hubachiisaniiru.
Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.