Dandeettii, baajataa fi ogeessa keenyaan hojjechuu akka dandeenyu agarsiifne – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2019 (FMC) – Daandeettii, baajataa fi ogeessa keenyaan hojjechuu akka daneenyu agarsiifnerra jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen.

Piroojektiin misooma qarqara Laga fi deebisanii misoomsuu Enxooxxoo -Piikook – Qaccanee – Baambiis – Giyoon hanga Daandii Selaam jiru har’a bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi hoggantoonni olaanoon biroo argamanitti eebbifameera.

Piroojektichi Dandeettii, baajataa fi ogeessa keenyaan yeroo gabaabaa keessatti qulqullina olaanaan raawwachuu akka dandeenyu kan agarsiisedha jedhan.

Piroojektichi daandii Asfaaltii Kiiloo Meetira 16, Daandii Biskileettii Kiiloo Meetira 20, Daandii lafoo Kiiloo Meetira 22,Tiraakii fiigichaa Kiiloo Meetira 5 fi Riqichawwan Konkolaattootaa 18 kan hamate ta’uu ibsan.

Akkasuma bakkeewwan tapha ijoollee 21; Pilaazaa fi amfi-tiyaatira 15; fincaa’awwanii fi agarsiisa bishaanii 8; bakkeewwan garaagaraatti maneen fincaanii uummataa ijaaramuu kaasan.

Lageen Finfinnee kana dura eenyummaa isaa dhabanii bakka kuusaa balfaa ta’uun fayyaa jiraattootaaf rakkoo hamaa turan misoomuun gara jireenyaatti, uumama gara miidhaginaatti, naannoo gara ga’umsa tuurizimiitti jijjiiruu isaaniiti jedhan.

Misoomni magaalaa Finfinneetti hojjetamu hunda hammataa, hirmaachisaa fi qixa carraa hojii kan uuman ta’uu eeran.

Piroojektiin kun lammiilee kuma 56 oliif carraa hojii uumuu himan.

Siifan Magarsaatiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment