Dandeettiin Itiyoophiyaan waltajjiiwwan idil-addunyaa keessummeessuu sadarkaa olaanaa irra gahe– obbo Kabbadaa Deessisaa

Finfinnee, Sadaasa 3, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan Yaa’ii qabeenya qilleensaa 32ffaa akka keessummeesitu biyyoonni miseensaa irratti waliigaluun dandeettiin waltajjiiwwan idil-addunyaa keessummeessuu ishee sadarkaa olaanaa irra gahuu agarsiisa jedhan Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbadaa Deessisaan.

Dhaga’amtummaan ishee dabaluu hordofee fi diinagdee magariisaan hojii hojjetteen filatamuu eeran.

Itiyoophiyaan yaa’ii qabeenya Qilleensaa 32ffaa Mootummoota Gamtoomanii 2027 akka keessummeessitu yaa’ii qabeenya qilleensaa 30ffaa Biraaziil Beelemitti gaggeeffamaa jirurratti ifoomeera.

Waggoottan lamaan darban keessa qofa Yaa’ii Qabeenya Qilleensaa Afrikaa fi Hoggantota Biyyoota Afrikaa – Kaaribiyaanii dabalatee yaa’iwwan 150 ol keessummeessuu ibsan Obbo Kabbadaa Deessisaan turtii Faanaa Diijitaal waliin taasisaniin.

Waltajjii hirmaattoonni kumni 50 ol irratti hirmaatan Yaa’ii Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii 32ffaa akka keessummeessitu kan filatamte ga’umsaa waan qabduufi jedhan.

Dandeettiin dippiloomaasii dabaluu, dhageettummaa argachuu, ga’umsaan keessummeessuu fi nageenya hirmaattootaa eegurratti hojii cimaa hojjetteen yaa’icha akka keessummeessitu irratti waliigalamuu himan.

Diinagdee magariisaa fi ashaaraa magariisaan hojii hojjetteen bu’aan argame, anniisaa haaromfamu fayyadamuun dhiibbaa qabeenya qilleensaa dandamachuuf tattaaffiin gooteedha jedhan.

Muuxannoo waggoota darban keessa konfiraansii idil-addunyaa keessummeessuu irraa argate fayyadamuun konfiraansii kana milkaa’inaan keessummeessuuf akka hojjetu mirkaneessan obbo Kabbadaa Deessisaan.

Yaa’iin Qabeenya qilleensaa 32ffaan kun bara Faranjootaa 2027 gaggeeffama.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment