Dantaa biyyaalessaa eegsisuuf kominikeeshinii tarsima’aa ta’e qabaachuu barbaachisaadha

Finfinnee, Mudde 17, 2018 (FMC) – Gumiin Balal marsaan 48ffaa mata turee “Dantaa Biyyaalessaafi Miidiyaa” jedhuun Waajjira Pirezidaantii Oromiyaatti geggeeffamaa jira.

Gumii Balal kanarrattis barreeffamni ka’umsa marii miidiyaan dantaa biyyaalessaaf akkamiin hojjechaa akka jiruufi gara fuulduraattis akkamitti hojjechuu akka qabu irratti xiyyeeffate Loret Journalist Amaanu’eel Abdiisaan dhiyaateera.

Miidiyaan haala walitti bu’iinsa hin uumne, walhubannaa uumuufi tokkummaa ijaaruun hojjechuu akka qabu sanada mariif dhiyaaten ibsaniiru.

Miidiyaan meeshaa dhiibbaa guddaa qabuufi humna jijjiirama uumuu danda’u ta’uu eeruun, biyyootni baay’een kanarraa ka’uun miidiyaa hundeeffatanii dhiibbaa uumaa akka jiran himaniiru.

Miidiyaanis hundeeffamni isaafi caaseffamni isaa sirnaan qindaa’uu baannaan dhiibbaa keessaafi alaan danqamuu waan danda’uus xiyyeeffannoo akka barbaadus himameera.

Babal’inni miidiyaa dijitaalaas miidiyaa idileerratti rakkoo mataa isaa akka qabuufi isa kana faana miidiyaan idilee of ijaaruun deemuu akka qabus ibsameera.

Dhiibbaan alaas jijjiirama miidiyaa dijiitaalaan argameen dantaan biyyaalessaa akka hin eegamne taasisuu akka danda’us sanada dhiyaateen ibsameera.

Akka biyyaattis gaazexeessummaa ogummaa isaa eeggatee hojjetuufi Mana Maree miidiyaa cimaan jiraachuun barbaachisaa ta’uu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment