Finfinnee, Fulbaana 14, 2018 (FMC) – Darabaan sirnoota Oromoon loon ittiin bulchu keessaa isa tokko.
Uumanni Oromoo qabeenya loonii hedduu qabaachuun beekama.
Kanaafis eegumsii fi kunuunsi looniif kennu olaanaadha.
Sirnoota loon ittiin bulchan keessaa tokko DARABAA dha.
Looniif haala mijataa fi nyaata gahaa uumuuf jecha Darabaan galama.
Darabaan beelladootni marga dheedumsaa fi bishaan ga’aa akka argatanii ykn iddoo jireenyaaf isaanii mijatu barbaachaaf adeemsa iddoo tokkoo iddoo biraatti taasiifamuudha.
Darabaan uummata Oromoo godinaalee adda addaa keessa jiraatu biratti kan beekamu ta’us, haala teessuma lafaa fi qabeenya qileensaan walqabtee yeroon itti galamu garaagarummaa qabaachuu danda’a.
Bakkeewwan qileensa baddaa qabanii fi roobni itti guddatu keessatti darabaan kan deemamu wayita gannaa erga hojiin qonnaa xumuramee yoo ta’u, kunis ayyaana Masqaaa jala baatii Hagayyaa gara dhumaa keessadha.
Lafti haalan akka marga magarsuuf jecha naannawaa gammoojjiitti darabaa galu.
Bakkeewwan qilleensa badda daree fi ho’aa qabanitti ammoo waqtii bonaa yeroo margi dheedumsaa ga’aan hin jirre kan galamuudha.
Godinaalee Oromiyaa darabaan bal’inaan itti beekamu keessaa ammoo godinni Shawaa Kaabaa isa tokkoodha.
Oromoon Tuulamaa Shawaa Kaabaa jiraatu hojii qonnaa xumuree midhaan erga facaasee booda horii elmaman muraasa qofa qe’eetti dhiisee beelladoota kaan fudhatee darabaa gala.
Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Godina Shawaa Kaabaatti dursaan garee Misooma Sona Aadaa fi Hambaa obbo Katamaa Bahaaruu Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti, darabaan godina Shawaa Kaabaatti kan galamu wayita gannaa roobni heddummatuu fi lafti raara’uudha.
Kunis beelladni haala mijataa akka argatuu fi hojii qonnaa irraa akka boqotuuf kan raawwatamuudha.
Darabaa dhaa kan deebi’amus akkuma hammii roobaa xiqqaa dhufuun lafti ho’uu fi qooruu eegalu, tibba ayyaana Masqalaatti.
Hanaga deebi’anittis nyaata turtii isaaniif isaan barbaachisu galaa ga’aa qabatanii deemuun dirqama.
Loon qabatanii darabaatti galuun duras akka aadaatti jaarsoliin eebbisaniiti.
Offachaa bobba’aa,
Dhalaa galaa,
Iji isin ilaale haa jaamu,
Moortuun harkaa haa cabdu … jechuun eebbisu.
Korommii karra keessaa filachuunis mallattoof kan ta’u waa itti hidhaniiti. Kunis darbaa irraa erga deebi’anii booda gaafa Masqalaa sirna raawwatamuun walqabata.
Bakka darbaaf itti galamu sana namoonni biroos beelladoota isaanii fudhatanii dhufuu waan danda’aniif iddoon akka hindhiphaneef, loowwanis walkeessa baduu danda’u waan ta’eef waldanda’anii waliin turuu fi loowwan waliif deebisuun duudhaa fi aadaa uummatichaan kan hogganamuudha.
Loon waljalaa fudhachuun ykn waljalaa dhoksuun aadmalee dha. Kana raawwachuun tasumaa hin danda’amu.
Darabaa fi Ayyaanni Masqalaa hidhata qabu.
Yeroo Masqalaa namni, horiin, meeshaalee hojii dabalatee alatti hin hafan waan ta’eef, loowwan darabaaf bobba’anis gara qe’eetti deebisuun dirqama.
Gaafa Damaraa ykn jalbultii Masqalaa karra mooraa loonii irratti daamaraan abaaboon itti hidhame bitaa fi mirgaan ni dhaabbata.
Loon san keessaas kormi goobe, ykn jibichi goobuu danda’u filatamee ni muudama; ni eebbifama; Karra loonii sana irratti moosifama.
Guyyaa Masqalaa suubiin daamotiin(ibsaan) Masqalaa ni ba’a. Daamotiin wayita ba’u addi fi goobni korma muudamee tuqama.
Goobi, Kormoomi, Baroodi, Abboomi… jedhameetu eebbifama.
Kanaan boodas ‘Marqaan Kormaa’ ni qophaa’a.
Barri haaraan bari’e bara gaarii, bara milkii, bara mo’ichaa ykn bara kormaa akka ta’uuf hawwuu wajjin walqabata.
Marqaan qophaa’e ollaan wal waamee hunduu waliin soorata.
Kunis loon jireenya uummata oromoo wajjin walittihidhamiinsa guddaa qabu irraa kan ka’e gaarummaa barichaa kormaan walqabsiisu, leellisu, ittiin faarsu.
Marqaa kormaa boodas loowwan kaloo qaratti bobbaafamu. Ameessa elmuun jabbilee manatti eeguun hin jiru. Jabbileen aannan isaanii haadha jala oolanii soorataa oolu. Ijoolleen, qeerroo fi qarreen, abbootii fi haadholiin toora toora isaniin ollaa waliin nyaachaa dhugaa oolu. Sababni isaas guyyichi hundumaaf Masqala! Guyyaa Quufaati! Gaafa kana hiyyummaa fi gadadoon biyyaa baqatti.
“Masqalaa fi galgala hinwaakkatan” kan jedhan sun kanaan walqabachuu oolaa!
Yeroo darabaan itti deemamu garaagarummaa haqabaatu malee, bakkeewwan Oromiyaa garaagaraatti, keessumaa gara Lixa Oromiyaatti gaafa Masqalaa bilisummaa loonii kabajuu fi kanaan walqabtee dhimmoonni raawwataman walfakkeenya ni qabaatu.
Horaa Bulaa
Yoonaataan Biraanuutiin.
#Oromia #Ethiopia