Dargaggoonni leenjii Kooderootaa xumuran kumni 200 fi kumni 70 ol waraqaa ragaa fudhatan

Finfinnee, Caamsaa 5, 2017 (FMC) –  Sagantaa Leenjii Kooderoota Miliyoona Shaniin  dargaggoonni kuma 200 fi kuma 70 ol leenjii xumuruun waraqaa ragaa fudhachuun isaanii  ibsame.

Guutummaa biyyaatti baatiiwwan kurnan darbanitti dargaggoonni kuma 800 caalan galmaa’anii leenjii hordofaa akka jiran Gorsaan Ministira Innooveeshinii fi Tekinooloojii Dooktar Abiyoot Baayyuu Faanaa Dijiitaaliitti himaniiru.

Kanneen keessaa kuma 200 kan caalan Sagenteessuu bu’uuraan, kuma 200  fi kuma 35 kan caalan Saayinsii daataan, kuma 200 fi kumni 20’n Saganteessuu Andirooyidiin,  kuma 100 fi kuma 25 kan caalan ammoo hubannoo namtolcheen leenji’aa akka jiran ibsaniiru.

Gama biraatiin dargaggoonni kuma 200 fi kuma 70 caalan leenjii kana xumuruun waraqaa ragaa fudhachuu eeraniiru.

Kunis Dijiitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf humna namaa aappilikeeshinoota uumaman fayyadamuun sona  dabaluu, adeemsaanis appilikeeshinoota kanneen misoomsuun bu’uuraalee misoomaa bulchuu danda’u akka qabaannu yaadaan kan qabee dha jedhan.

Yohaannis darribawutu gabaase.

 

Comments (0)
Add Comment