Finfinnee, Hagayya 27, 2018 (FMC) – Dargaggoonni muuxannoo Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa qooduuf gara biyyoota Afrikaa adda addaatti imaluuf jiru.
Itti-aantuun Pireezidaantii Damee Dargaggootaa fi itti-gaafatamtuun Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaa Abaang Kumadaan akka ibsanitti, dargaggoonni kutaalee biyyattii garaagaraa irraa walitti dhufan gara biyyoota Afrikaa sadiitti ni imalu.
Dargaggoonni 24, bor irraa eegalee gara Gaanaa, Ziimbaabuwee fi Naayijeeriyaatti akka imalan ibsameera.
Sagantaan muuxannoo waljijjiiruu kun yeroo lammaffaaf kan gaggeeffamu ta’uu kan ibsan Abaang Kumadaan, kanaan dura gareen Damee Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa Paakiistaanitti argamuun sagantaa dhaabbii biqiltuu irratti hirmaachuu yaadachiisaniiru.
Imalli dargaggootaa kun sagantaa dhaabbii biqiltuu raawwachuun muuxannoo Itiyoophiyaa qooduu qofa osoo hin taane, tumsaafi obbolummaa biyyoota gidduu jiru caalaatti cimsuuf gahee olaanaa qabaachuus ibsuu isaanii TOI gabaaseera.