Deeggarsa namoomaa buqqaatoota buufata tursa yeroo Hitsatsii keessatti argamaniif dhiyaachaa jiru ilaalchisee ibsa kenname

Finfinnee, Mudde 15, 2018 (FMC) – Deeggarsa namoomaa buqqaatoota Naannoo Tigraayi Godina Lixa Tigraay aanaa Asgadaa buufata tursa yeroo Hitsatsii keessatti argamaniif dhiyaachaa jiru ilaalchisee ibsa kenname.

Mootummaan lammiilee bakka tursa yeroo keessa jiraataniif deeggarsa namoomaa midhaan nyaataa dhiyyeessaa jiraachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa ibseera.

Haa ta’uutii buqqaatoota buufata tursa yeroo Hitsatsii keessatti argamaniif deeggarsi namoomaa akka hin dhiyaanneetti odeeffannoon miidiyaa hawaasaan tatamsa’aa jiru haala waliigalaa bakka tursichaa kan ibsine ta’uu hime.

Buqqaatoota deeggarsa namoomaa barbaadaniif waggaa guutuu itti fufiinsaan midhaan nyaataa dhiyaachaa turuu ibse.

Lammiilee buufata tursa yeroo Hitsatsii keessatti argamaniif deeggarsi namoomaa Baatii Fulbaanaa 2018 eegalee hanga Mudde 2018 karaa guutuu ta’een deeggarsi midhaan nyaataa dhiyaachaa jiraachuu eere komishinichi.

Baatiwwan arfan darban qofa lammiilee bakka tursa yeroo Hitsatsii keessatti argaman kuma 14 fi 413 deeggarsi namoomaa taasifamaa turuu hime.

Dabalataan lammiilee buufata tursaa ollaatti argaman dabalatee baatii Fulbaanaa buqqaatoota kuma 16 fi 775, baatii Onkololeessaa namoota kuma 18 fi 290, Baatii Sadaasaa namoota kuma 17 fi 813, akkasuma baatii muddee namoota kuma 14 fi 413’f deeggarsi midhaan nyaataa dhiyaachuu ibse.

Waliigalaan midhaan kuntaalli kumni 11 fi 405 baatiwwan arfan darban keessa dhiyaachuu eere.

Kunis gara maallaqaatti yoo jijjiirama Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 57 ol ta’a jedhe.

Gama biroon bulchiinsi yeroo naannichaa deeggarsi dabalataa akka barbaachisu osoo gaafatee mootummaan federaalaa deeggarsa taasisuuf qophummaa qabaachuu beeksise.

Dhimmoonni olitti eeraman akkuma jirutti ta’ee deeggarsi dhiyaate lammiilee kanneenif sirnaan qaqqabuu isaa mirkaneessuu fi hanqinni yoo jiraate sirreessuun gahee bulchiinsa yeroo naannichaa ta’u hubachiise.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment