Finfinnee, Hagayya 5, 2017(FMC)- Deeggarsi Lammiilee sababa guutiinsa Laga Awaashiin godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaalaa garaagaraarraa buqqa’aniif taasifamu karaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa qofa akka taasifamu Pireezidaantii itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin dhaaman.
Pireezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii fi hoggantoonni olaanoo naannichaa biroon Godina Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Sabbata Awaasifi Aanaa Iluutti argamuun ummata sababa balaa lolaa laga Awaashiin buqqa’an jajjabeessaniiru.
Rooba cimaa tibbana roobe hordofee lagni Awaash guutuun Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaalee sadii akkasumas Godina Shawaa Lixaa Aanaalee Lama keessatti jiraattotarraan miidhaa qaqqabsiseera.
Miidhaan qaqqabe cimaa waan ta’eef karaa ijaaramaa guutuu ta’een lubbuun lammiilee akka baraaramu ta’aa jira jedhan.
Qaamoleen deeggarsa da’oo godhatanii ittiin duuroman heddu ta’uu kan dubbatan obbo Awwaluun, qaamoleen kunniin of eeggannoo taasisuu akka qaban dhaamaniiru.
Wayita ammaa rakkicha furuuf koreen hundaa’uun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Mootummaan Federaalaa, Naannoo fi dhaabbileen garaagaraa deeggarsa barbaachiisu karaa Buusaa Gonofaatiin akka taasisaniis gaafataniiru.
Tasfaayee Ijjiguutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.