Deeggarsi Seeftineetii Baaddiyaa waggoottaniif hojirra oole bu’aa argamsiise- Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Caamsaa 27, 2017 (FMC)– Deeggarsi Seeftineetii baaddiyaa waggoottaniif Itiyoophiyaatti hojirra oole bu’aa argamsiiseera jedhan Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin.

Waltajjiin waljijjiiraa muuxannoo fi qorannoo Piroojektii Seeftineetii misooma magaalaa gaggeeffamaa jira.

Waltajjiin qorannichaa mata duree “fayyadamtoota gargaaramtummaarraa gara oomishtummaatti ceesisuun badhaadhina biyyatti ni milkeessina “ jedhuun magaalaa Kombolchaatti gaggeeffamaa jira.

Aadde Caaltuun haasawaa taasisaniin, waggoottan dheeraaf hojirra oolaa kan ture deeggarsi Seeftineetii baaddiyyaa bu’aa argamsisuu hubachiisaniiru.

Piroojekticharratti michootaa fi qooda fudhattoota waliin gamaaggamaa raawwii taasifameen piroojektichi kaayyoo yaadameef akka ooluuf bu’a qabeessa ta’aa dhufeera jedhan.

Lammiileen yaadama hirkattummaa keessaa bahuun gara oomishtummaatti cee’uu akka qaban waltajjicharratti ka’eera.

Beezaawiit Kabbadaatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment