Deenmaark Damee Bishaanii fi Inarjiin Tumsa Itiyoophiyaa Waliin Qabdu Cimsuuf Kutannoo Qabdi — Ambaasaaddar Sunee Kiroogistiraap

Finfinnee, Onkoloolessa 16, 2019 (FMC) — Deenmaark damee bishaanii fi inarjiin tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf kutannoo qabdi jedhan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Deenmaark, Sunee Kiroogistiraap.

Torban Bishaanii fi Inarjii Itiyoophiyaa marsaa 3ffaan, “Nageenya Bishaanii fi Inarjii Mirkaneessuuf Imaammata Ragaa Saayinsiitiin Deggeramanii fi Tumsa Cimsuu” mata duree jedhuun gaggeeffamaa jira.

Ambaasaaddar Sunee Kiroogistiraap akka ibsanitti, Torban Bishaanii fi Inarjii Itiyoophiyaa waltajjii beekumsa waljijjiiruuf, muuxannoo waliif qooduuf, hojiiwwan kalaqaa beeksisuuf, akkasumas tumsa cimsuuf gargaaruu dha.

Deenmaark sagantaalee fi hojiiwwan tumsa misoomaa isheetiin damee bishaanii fi inarjii Itiyoophiyaa tumsuu irratti kutannoo yeroo dheeraa akka qabdu ibsaniiru.

Hojiiwwan kanneen keessaa dhaabbilee damee bishaanii fi inarjii gidduutti muuxannoo kallattiin waljijjiiruu, ijaarsa dandeettii gaggeessuu, sagantaalee biyyaalessaa deeggaruu, akkasumas bu’uuraalee misoomaa inarjii babal’isuu ta’uu eeraniiru.

Qormaatilee damee kana keessatti mudatan furuuf invastimantii waaraa, kalaqa, odeeffannoo amanamaa, dhaabbilee cimaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu hunda gidduutti tumsa cimaan barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Tumsi Itiyoophiyaa fi Deenmaark gidduu jiru deeggarsa misoomaa qofa osoo hin taane, carraawwan tumsa daldalaa, dabarsa teeknooloojii, kalaqaa fi invastimantii damee dhuunfaafis akka uumu hubachiisaniiru.

Deenmaark galmawwan waloo galmaan ga’uuf Mootummaa Itiyoophiyaa, michoota misoomaa, damee dhuunfaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo waliin ta’uun hojjechuu akka itti fuftu mirkaneessaniiru.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ruwaandaa, Chaarlas Kaarambaa gama isaaniin, bishaanii fi inarjiin nageenya namootaa, misooma dinagdee fi itti fufiinsa naannawaaf qabeenyawwan barbaachisoo ta’uu ibsaniiru.

Faayidaan qabeenyawwan kanneenii olaanaa ta’us, jijjiirama qilleensaa, guddina dinagdee fi baay’ina ummataa, akkasumas dhimmoota waara’ummaan
walqabataniin dhiibbaan isaan irra ga’u dabalaa dhufuu ibsaniiru.

Bishaanii fi inarjii gahumsaan, madda haarofamummaa fi itti fufiinsaan bulchuun wabii bishaanii mirkaneessuuf, argama inarjii babal’isuuf, akkasumas haala qormaata fuulduraa dandamachuu danda’u ijaaruuf murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Torban Bishaanii fi Inarjii Itiyoophiyaan muuxannoowwan gaggaarii waliif qooduuf, kalaqa haaraa beeksisuuf, akkasumas dameewwan bishaanii fi inarjii keessatti carraawwan invastimantii qorachuuf carraa akka uumu eeruu isaanii ENA’n gabaaseera.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment