Deenmaarki hojii misooma magariisaa Itiyoophiyaa kan deeggartu ta’uu ibsite

Finfinnee, Caamsaa 3, 2017 (FMC)- Deenmaarki michummaa waggoottan dheeraa Itiyoophiyaa waliin qabdu damee misooma hundagalessaa, ce’umsa magariisaa fi walitti hidhamiinsa ummataa fi ummataan cimsuuf murannoo qabaachuu ibsite.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Deenmaarki Suune Kiroogistiruuppiin turtii Faanaa Diijitaal waliin taasisaniin, kaka’umsa misoomaaf ummanni Itiyoophiyaa qabuu fi aadaa nama kabajuu dinqifitaniiru.

Akkasumas Bakkewwan hawwata Tuurizimii guddisuu fi hojiilee bu’uuraalee misoomaa Magaalaa Finfinneetti ijaaramaa jiranis dinqisifataniiru.

Hariiroon biyyoota lameenii waggoottan dheeraa kan lakkoofsise ta’uu ibsuun, Deenmaarki bara faranjoota 2018 sagantaa deeggarsa jalqabaa erga hojirra oolchite as hariiroon tumsa misoomaa biyyoota lameenii guddina agarsiisuu dubbataniiru.

Sagantaa deeggarsa waggaa shanii marsaa lammaffaan yeroo dhiyootti ifoomsuuf qophiin taasifamaa jiraachuu himuun, Ijaarsa dandeettii, misooma magariisaa, misooma bishaanii, anniisaa itti fufiinsa qabuu fi qonna jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamatu dhugoomsuuf tattaaffii taasifamu deeggaruuf kan hojjetamu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan Gaanfa Afrikaatti biyya diinagdee cimaa qabdu ta’uu eeruun, nagaaf tasgabbii Ardichaa mirkaneessuuf gahe olaanaa bahataa jirtis jedhan.

Inisheetiivii Ashaaraa Magariisaa dabalatee dhimmota biyyaalessaa fi naannawichaa Itiyoophiyaan raawwachaa jirtu dinqiifachuun, keessattuu Misooma Magariisaan Deenmaarki Itiyoophiyaa waliin tumsuu kan barbaadduu ta’uu ibsaniiru.

Ambaasaaddarichi Deenmaark michuu ijoo Itiyoophiyaa ta’uu kaasuun, tattaaffii Itiyoophiyaan misooma itti fufiinsa qabu milkeessuuf taasisaa jirtu kan deeggartuu ta’uu mirkaneessaniiru.

Masaafinti Birilleetu gabaase.

Comments (0)
Add Comment