Finfinnee, Fulbaana 13, 2018 (FMC) – Dhaabaa fi Marqaan Kormaa akaakuu nyaata aadaa Ayyaana Masqalaaf qophaa’aan keessaa isaan tokkoodha.
Oromoon Tuulamaa Ayyaana Ifa Birraa/Masqalaa dhangaawwan garaagaraa qopheessee firaa fi ollaa waliin kabaja.
Dhangaawwan guyyaa Ayyaana Masqalaa Oromoonni Tuulamaa Warri Salaalee qopheessan keessaa Dhaabaan isa tokkoodha.
Dhaabaan Daakuu Xaafii Diimaa, Dhadhaa fi mi’eessituuwwan biroo waliin kan qophaa’uudha.
Nyaanni aadaa kun baay’inaan Aanaa Kuyyuutti kan beekamuudha.
Haalli qophii isaas ta’ee bifti isaa caccabsaan walitti dhiyaata.
Barii Guyyaa Ayyaana Ifaa Marqaa Kormaa erga nyaatanii booda Haadholiin Burree Uffatanii, Sabbata Dheeraa Mudhiitti hidhatanii,Guftaa Addatti maratanii, Elemtuutti Aannanii fi Qiixxanmarqaa qabatanii Sinqee Harka Mirgaatti, Abaaboo Birraa Harka Bitaatti qabatanii:-
Abaabiyyoon Daraartee baga Waggaan nugeessee,
Booruu gannaa nu baaftee baga Birraan nugeessee,
Sa’aa namaan daraarree baga Waggaa geenyee jechaa Laga bu’anii gamaa gamanaan eebbifatanii, Aannan wal unachiisanii, Qiixxanmarqicha waliin nyaatan.
Kan baranan nu geesse kan egereen nu gahi, Booruu Gannaa kan nu baafte Qarruu Birraa fi Dhukkee Bonaas nu baasi jechaa eebbitafanii walgaggeessu.
Aannan hafe Bishaan Lagaan walitti makuun warabbatanii ofirra deebi’u.
Hayee yaa mareehoo
Maree yaa mareehoo
Birraan bari’ee yaa mareehoo
Abaaboon daraartee yaa mareehoo
Birraa yaa ayyaantuu too yaa mareehoo
Hariira kutaa footee yaa mareehoo
Birraa yaa daraartoo yaa maree
Dibbeen kililii diddee yaa mareehoo
Beerraan ililii diddee yaa mareehoo
Birraan kun kaadhimaa yaa mareehoo
Daraaraan daraartuudhaa yaa mareehoo
Ganna nagaan baanee asheetas nuun gahii yaa mareehoo jechaa gara abdaarii hangafaatti dhibaayyuu dhibaafatu.
Warri dhiiraa sangaa qaluun madhaa qopheessanii waan eeganiif haadha kallachaa/Hangafaan eebbifamanii madhicha erga nyaatanii gara manaa galanii Bishaan Elemtuutti waraabanii dhufan sanaan Daakuu Xaafii Diimaa Bukeessuun tolchu.
Qiixxaa tolfame sana sukkuumanii Dhaadhaan laaffisanii waciitiin qopheessu.
Dhangaa waciitii keessatti qophaa’e sana Elemtuutti guutanii kaa’uu.
Waaree booda sa’aatii 8:00 eegalee Maanguddoonnii fi Dargaggoonni Mana Hangafaatti walgahuun Dhangaa qophaa’e nyaachuun eegalama jedhan Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuutti jiraattuu Ganda Boondee Gidaaboo kan ta’an Aadde Jaanoo Tulluun.
Dhangaan Dhaabaa jedhamu kun akkaatuma humnaatti warri tolfatan Kochee waliin, kaan ammoo Qincee, akkasuma Aannan Itittuu walii dhiyeessu jedhan.
Abbaan Manaa Dhaabaa qophaa’e harka lamaan qabachuun eebbifachuun eegalama.
Dhaabaa Dhaabbanna sa’aa namaan dhaabbadhu
Dhaabaa Dhaabbanna sanyii Sadaneen dhaabbadhu
Dhaabaa Dhaabbanna Ilmoon Dhaabbadhu
Dhaabaa Dhaabbanna Karraan Dhaabbadhu
Dhaabaa Dhaabbanna alaa manaan dhaabbadhu
Dhaabaa Dhaabbanna firaa fi ollaan dhaabbadhu
Daraaraan sifa daraaraan sifa gabbina jechuun erga eebbifatanii nyaata eegalu.
Erga Nyaatanii dhuganii booda akkana jechuun eebbifatu:
Daraaraa Daraaraa kan baranaa kan egereen nu gahi yaa
Araddaa ta’ii Buqqee magarsi yaa
Adaammii ta’ii aannaniin raagi yaa
Aannaan caffee ta’ii elemtuu guuti yaa
Daraaraa Daraaraa Daraari yaa
Kanniisa ta’i hursii quphadhu yaa
Allaaduu Bishaan keessaa ta’i gannaa Bona Lalisi yaa
Aannan galaanaa ta’i laga yaa’ii yaa
Maatii Jaldeessaa ta’ii Horii dagaagi yaa
Gollii fi Karri si yaa guutu yaa
Hori saawwan dhugi aannaan
Hori horii yaa jedhanii eebbifatanii mana itti aanutti cee’u jedhan Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuutti Jiraataan Ganda Boondee Gidaaboo obbo Toleeraa Shallamaan.
Ayyaanni Masqalaa Ayyaanaa Namaa fi Sa’aa ta’uu eeran obbo Toleeran.
Dhaabaa fi Marqaan Kormaa mallattoo quufaa fi gabbinaa ta’uu eeran.
Akkuma namaaf dhangaawwan adda addaa qophaa’u Horiif illee nyaanni garaagaraa ni qophaa’a jedhan aadde Jaanoon.
Horiin darabaa ture deebi’uun Boolee Dhuganii Marga Qara nyaatu.
Marqaan Kormaas Nyaata Aadaa Ayyaana Masqaalaa waliin waggaatti yeroo tokko qofa qophaa’uudha.
Dhangaa guyyaa ayyaana Masqaalaa barii nyaatamuudha.
Guyyaa ayyaanaa barii lafaa Daamotiin Kormaa Ifee, Marqaan Kormaa nyaatamee Horiin qaratti bobba’u.
Akkuma Dargaggoonni nyaatanii dhuganii Goobee yaa yaa Masqala Mootii Ayyaanaa jechaa dhiichisan, Kormis Qara dheedee Baroodaa miilaa fi gaafan lafa haadhaa dhaadata.
Kormi Goobee fi gateettii baase ni leellifama, maqaa isaan marqaan nyaatama.
Daamotiin kormaa bahee addaa fi Gooba kormaan tuqamee goobi, baroodi hori erga jedhamee marqaan qophaa’e nyaatama jedhan Aanaa Kuyyuutti Jaarsi biyyaa fi miseensi Abbaan Gadaa Hayiluu Ayyalaan.
Marqaan kun akkaatuma toletti, Garbuu, Qamadii, Xaafii, Boqqoolloo, Aajjaa fi kanneen biroorraa qophaa’a.
Marqaan Kormaa Naannoo Oromiyaa kutaalee hedduutti beekkamus, Shawaatti addaatti beekkama.
Ganama subii Daamotiin kormaa erga bahee booda ollaa fi firri wal waamee Marqaa Kormaa waloon nyaatu jechuun eeran Abbaan Gadaa Hayiluun.
Ganama marqaa kormaa nyaatanii loon kaloo haarawatti/marga qaratti bobbaafatu!
Gaafa Masqalaa hiyyummaa fi gadadoon manaa baati!
Beelli tulluu qaaritee boqonnaan quufaa fi gammachuu banama.
Namnis karris hundi ni quufa.
Marqaan Kormaa fi Dhaabaan nyaatawwan aadaa akka ayyaana waggaa Booqa Birraa eeggatanii waggaatti guyyaa tokko qofa nyaatamuun beekamaniidha.
Nyaata sissinnii akka Simbirroo Masqalaati.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia