Finfinnee, Sadaasa 6, 2018 (FMC)- Dhaabbanni tajaajila nageenya aviyeeshinii Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa madaalu ijaaramaa jiran jedhan Daayrektarri Jeneraalaa Tajaajila Nageenyaafi Odeeffannoo Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen.
Tajaajilli Nageenyaafi Odeeffannoo Biyyaalessaa gamoo waajjiraa haaraa Qajeelchi Olaanaan Nageenya Siiviil Aveeyishinii ijaarsise guyyaa har’aa eebbisiiseera.
Ambaasaaddar Reedwaan Huseen wayita kana akka jedhanitti, damee nageenya aviyeeshiniin hojiilee riifoormii hojjetamaniin Afrikaarraa dhaabbata tajaajila nageenya aviyeeshinii kennuun filatamaa ta’e ijaaramaa jira.
Itti aanaan Daayrektar Jeneraalaa Tajaajilichaa Siisaay Tolaa gama isaaniin, riifoormiin damee nageenya siiviil aviyeeshiniin hojjetame dhaabbanni tajaajila aviyeeshinii kennuufi guddummaa Itiyoophiyaa madaalu akka ijaaramuuf bu’uura kaa’uu ibsan.
Bobbiin nageenya aviyeeshinii bara faana tarkaanfachuu akka qabu kaasanii, gamoon eebbisiifame teeknooloojii ammayyaa kan guuttatee fi teeknooloojiiwwan egeree ilaalcha keessa galchuun kan ijaarame ta’uu eeraniiru.
Gamoon kun galma tarsiimawaa Afrikaarraa dhaabbata tajaajila nageenya aviyeeshinii kennuun filatamaa ta’e ijaaruuf qabame dhugoomsuuf kan gargaaru ta’uu kan ibsan ammoo Daayrektara Qajeelcha Olaanaa Nageenya Siiviil Aviyeeshinii kan ta’an obbo Asraat Qajeelaadha.
Tajaajilli Nageenyaafi Odeeffannoo Biyyaalessaa tajaajila nageenyaa ulaagaalee idil-addunyaa bu’uureffatan kennuun daandiin qilleensichaa Afrikaarraa dursa akka qabatuuf gahee isaa bahachaa jiraachuu ibsuusaanii Tajaajilichi Faanaa Dijiitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.