Finfinnee, Qaammee 4, 2017(FMC) – Dhaabbileen Amantaalee Itiyoophiyaa Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa eebbifamuu hordofee ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Paatiriiyaarikiin Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa eebbifamoo Abunee Maatiyaas eebbifamuu hidha Haaromsaa hordofee ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Abbaayyan barootaaf miira gaabbiin qeeqamaa ture bara keenyatti tajaajila ummataaf ooluu isaan waaqayyoo ni galateeffanna jedhan.
Ijaarsi Piroojektichaa erga jalqabee kaasee Lammiileen Itiyoohiyaa fi dhalattoonni Itiyoophiyaa qabeenya, beekumsa, dafqa fi dhiiga keessan gamaachaa turtan hundi baga gammaddan jedhan ergaa isaaniin.
Hidhi har’a eebbifame hojiilee misoomaatti akka ce’uu fi nageenyi lafarratti akka ta’u lammiileen Itiyoophiyaa hundi xiyyeeffannoon akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.
Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaas ergaa baga gammaddanii dabarseera.
Siidaan ijifannoo dhalootaa Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa eebbifamuu isaan baga gammaddan jedheera.
Seenaan kun akka galmaa’u kanneen dhiiga, dafqaa fi lubbuu keessan kennitan hundi kabajatu isiniif mala jechuun ibse.
Hawaasa Musiliimaa hanga dhumaatti murannoon deeggarsa taasisaa ture galateeffachuun , ammas cimsee akka itti fufu gaafateera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.