Dhaabbileen amantii imala misoomaa fi badhaadhina waligalaa magaalattii keessatti ga’ee murteessaa qabu – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Bitootessa 6, 2018 (FMC ) – Dhaabbileen amantii imala misoomaa fi badhaadhina waligalaa magaalattii keessatti ga’ee murteessaa qabu jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebee.

Bulchinsa magaalaa Finfinneetti mata duree “Dhaabbileen amantaa, ilaalcha Mootummaa Ida’amuun ” jedhuun mareen dhaabbilee amantaa waliin kutaalee magaalotaatti geggeeffamaa ture xumurameera.

Aadde Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, mata duree “Dhaabbileen amantaa, ilaalcha Mootummaa Ida’amuun ” jedhuun abbootii amantaa fi hordoftoota amantii Isiilamaa magaalaa keenyaa waliin har’a ganama maree bu’a qabeessa geggeessineerra jedhan.

Itiyoophiyaan biyya amantii, aadaa fi dudhaalee hedduu ti kan jedhan aadde Adaanech, kan tokko itti miidhagee mul’alee kaan ammoo dhokatee keessa jiraatu osoo hin taane, amantiiwwan hundi walqixa kan itti midhaganii mul’atan ta’uu ibsan.

Akka mootummaatti amantiiwwan hunda wal qixa ilaalla, walqixa keessummeessinas jedhan.

Akkuma amantiiwwan biroo, Isilaamummaan hambaalee bara durii, seenaa fi dudhaalee biyyattii eegee dhalootatti dabarsuun, faayidaa biyyaalessaa eegsisuun, naamusa gaarii fi gara laafina barsiisuun ga’ee guddaa akka qabu kaasaniiru.

Isilaamummaan hirmaannaa misoomaan Itiyoophiyaa har’aa ijaaruu keessatti ga’ee inni qabu guddaa. dha jedhan.

Seenaa qofa osoo hin taane, waggoota jijjiiramaa darban keessatti. ijaarsa nageenyaa waligalaa, misoomaa fi imala badhaadhinaa magaalattii keessatti ga’ee dhaabbileen amantii ba’achaa jiran kan qixxee hin qabne ta’uu hubachiisaniiru.

Maree keenyaan ga’ee kana caalmaatti cimsuun harka wal qabannee misoomaaf, Walitti hidhamiinsa uummatootaa cimsuu fi faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisuuf haala waloon dhaabachuu fi waloon hojjechuu dandeenyu irratti waliigalleerra jedhan.

Maree kanaan qaawwa adeemsa keessatti mul’ate tumsaan furuun haala danda’amu irratti mari’achuun waltajjii bu’a qabeessa haala mijataa uume ta’uu dubbataniiru.

Hirmaannaa guddaa fi yaada ijaaraa Abbootiin amantaa fi hordoftoonni amantaa Isilaamaa kennaniifis galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment