Finfinnee, Hagayya 13, 2017 (FMC) – Waggoota itti aananitti Dhaabbileen Barnootaa Olaanoon guutuumaan guutuutti gara ergama ramadamanitti ni seenu jedhe Ministeerri Barnootaa.
Ministirri Deetaan Ministeera Barnootaa Dooktar Korraa Xooshinee Faanaa Miidiyaa Korpooreeshinitti akka himanitti, Dhaabbileen Barnoota Olaanoo bara darbee irraa eegalee damee hojii waliigalaa fi qorannoo itti ramadamanitti seenaniiru.
Sadarkaan isaa wal haa caalu malee Dhaabbileen Barnootaa Olaanoon hundi gara toora ergama isaaniitti galuus dubbatanii, mootummaan Yuuniivarsiitotaaf deggersa addaa kennee humna isaanii guutuun gara ergama kennameefiitti akka galaniif ni hojjetas jedhan,
Yuunivarsiitiwwan akkaataa ergama isaaniin adda baasuun humna namaa ogummaa gahaa gonfate horachuu akkasumas barattoota indaastiriiwwanin walitti hidhuun hoji-dhabdummaa hir’isuuf akka gargaaruu ibsan.
Indaastiriiwwan gara Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo dhufuun barattootaaf leenjii akka kennanii fi Yuuniivarsiitiiwwan ammoo qabeenya naannawaa isaanii adda baasuun gara hawaasaatti akka dhiyaataniif kan dandeessisuudhas jedhan.
Pireezidaantiin Eeggataan Yuunivarsiitii Hawaasaa Dooktar Chirotaaw Ayyalaa, Yuunivarsiitiin isaanii damee qorannoon ramadamuu eeranii Saayinsii fi Teknooloojii, barnoota barsiisotaa, fayyaa fi qonna irratti xiyyeeffachuun akka hojjatu himan.
Yuunivarsiitii qorannoo ofiin of bulchu ta’uuf seeronni fi barreeffamoonni adda addaa qophaa’aa jiraachuun eeranii, bara 2021tti guutummaatti ofiin of bulcha jedhan.
Appilaayidii Saayinsiin kan ramadame Pirezidaantii itti aanaan dhimmoota Akkaadaamii Yuunivarsiitii Arsii Dooktar Muusxafaa Baatii gama isaaniin Yuuniivarsiitichi qonna, teeknooloojii, injiinaringii fi fayyaa irratti akka hojjetus ibsan.
Sagantaaleen barnootaa fooyyeffamaa jiraachuus eeranii, barnoota hojii bu’uureffameef xiyyeeffannaan kennamuu kaasan.
Barattoonni hojiin akka shaakalaniif indaastiriiwwan 44 wajjin waliigaluus dubbataniiru.
Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.