Finfinnee, Mudde 8, 2018 (FMC) –Ministiri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin har’a walga’ii waloo 6ffaa waggaa 5ffaa Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Federeeshinii gaggeessanirratti argamuun haasawa taasisaniiru.
Itiyoophiyaan biyya leencotaati. Akkan qe’ee jiruutti natti dhagahame. Sababni isaa qe’een dhalootakoo Guujiraat Hindi keessaa qe’ee leencotaati jedhan Naarendiraa Moodiin.
Kabaja paarlaamaa keessanii fi imala dimokiraasii keessaniif qabuun fuuldura keessanitti argame jedhan.
Itiyoophiyaan bakka argama hunda keenyaati jedhan Moodiin.
Itiyoophiyaa fi Hindi bakka qaroominni durii itti jalqabe ta’uu yaadachiisan.
Daladalli Itiyoophiyaa fi Hindii waggaa 2000 dura akka jalqabe eeran.
Dhaabbileen Hindii 650 ta’an Itiyoophiyaa keessatti Doolaara biiliyoona shanii oliin hojii Invastimantirratti bobbaa’uu dubbatan.
Dhaabbileen kunneen daameewwan investimeentii akka maanufaakcheriingii, huccuu, faarmasii, ICT fi aagroo piroosasiingiirratti hojjachaa jiru.
Kanaanis lammii kuma 75 oliif Carraa hojii uumuu himan.
Naareediraa Moodiin Itiyoophiyaatti yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaa daawwatan.
Moodii dura yeroo dhumaatiif Ministirri Muummee Hindii Maanmohaan Siing Itiyoophiyaa kan daawwate waggaa 14 dura ture.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.