Dhaabbileen hundi gara Tajaajila Giddugala Tokkoo Masob akka seenaniif hojjetamaa jira- Alamtsahaay Phaawuloos

Finfinnee, Amajjii 25, 2018 (FMC) – Ce’umsa diijitaalaa saffisiisuun dhaabbileen hundi gara Tajaajila Giddugala Tokkoo Masob akka seenaniif hojjetamaa jira jedhan Itti gaafatamtuun Waajjira Ministira Muummee fi Ministirri Dhimmoota Kaabinee Alamtsahaay Phaawuloos.

Raawwiin baatiiwwan jahan darbanii dhaabbilee 14 itti waamamtoota Ministira Muummee ta’anii gamaaggamameera.

Alamtsahaay Phaawuloos wayita kana dhaabbileen riifoormii waliigalaa Itiyoophiyaan hogganamuun imala badhaadhinaafi misooma waaraa biyyaalessaa milkeessuuf hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Inisheetiiviiwwan Itiyoophiyaan eegalte kanneen akka Diijitaal 2030, Leenjii Koodaroota Miiliyoona 5, waraqaa eenyummeessaa diijitaalaa Faayidaafi riifoormiiwwan biroon akkaataa karoorfamaniin hojiirra oolchuun badhaadhina waaraaf hojjechuun barbaachisaadha jedhan.

Kenniinsa tajaajila mootummaa guddisuufi badhaadhinaaf dandeettii dabalataa uumuuf dhaabbileen itti waamamoo Ministira Muummee fakkeenya ta’uu akka qabanis ibsaniiru.

Dhaabbilee hannaafi saamichaaf saaxilaman irratti hojmaata diijitaalaa cimsuun tajaajiloota xiyyeeffannoo addaan hogganuun gara Tajaajila Giddugala Tokkoo Masob’tti galchuun itti quufiinsa tajaajilaa guddisuun barbaachisaa ta’uus eeraniiru.

Layikun Alamtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment