Finfinnee, Amajji 20, 2017 (FMC) – Dhaabbileen Misooma Mootummaa boqonnaa bulchiinsaa quubsaa hin taane keessaa bahuun gara madda faayinaansii filatamaa ta’uutti ce’uu hoji gaggeessaa olaanaan Invastimantii Holdings Itiyoophiyaa Biruukii Taayyee ibsaniiru.
Dhaabbata invastimantii tarsiimawaa mootummaa Itiyoophiyaa ta’uun kan tajaajilu Invastment Holdingiin Itiyoophiyaa kaappitaala hayyamame Birrii biiliyoona 100n bara 2014 hundeeffamuu fi dhaabbilee misooma mootummaa 34 kan bulchu ta’uu du!ataniiru.
Dhaabbileen kunneen garee Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa, Itiyoo Teeleekoom, Tajaajilla Poostaa Itiyoophiyaa, Koorporeeshinii Misooma Paarkii Industirii, Humna Elektirikii Ityoophiyaa, fi Baankii Misoomaa Itiyoophiyaa faa akka ta’anis eeraniiru.
Sagantaa “Ethiopia in Focus” jedhamu waliin turtii taasisanîin gumaacha dhaabbatichi guddina diinagdee keessatti qabu ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Caasaan bulchiinsaa dhaabbilee misoomaa mootummaa duraanii akka barbaadamutti bu’a qabeessaa akka hintaane gochuu irra darbee dhabuu qofa osoo hin taane, mootummaan abbummaan akka hinbulchine kan daangessuu ture jedhan..
Haaromsa mootummaan ce’umsaa taasiseen dhaabbati Invastimantii Holdingis Itiyoophiyaa hundeeffamee hojii eegaluu isaas ibsaniiru.
Dhaabbatichi qabeenya tarsiimawaa dhaabbileen misoomaa qabanitti fayyadamee caasaa bulchiinsaa bu’a qabeeÿyii isaan godhu diriirsuun dhaabbaticha mataa isaa irree tarsiimawaa invastimeentii Itiyoophiyaa gochuun akka danda’ames ibsaniiru.
Gabaa Aksiyoona paaris keessatti aksiyoona dhaabbilee daldalaa idil-addunyaarratti kaappitaala isaa dhangalaasuun fayyadamummaa diinagdee mirkaneessuuf hojjechaa akka jirus himaniiru.
Kanaanis dhaabbileen misoomaa dandeettiin faayinaansii fi bulchiinsaa quufsaa hintaane keessaa ba’uun diinagdee Itiyoophiyaa keessatti gahee olaanaa taphachaa jiru jedhan.
Dhaabbileen misoomaa akkuma daandiiwwan qilleensaa moodeela daldalaa bu’aa argamsiisu akka hordofaniif kallattii kaa’ameen bu’aa galmeessaa akka jiran eeraniiru.
Dhaabbatichi humna ibsaa, dhiyeessii xaa’oo, telekoomii, kaffaltii dijitaalaa fi dameewwan biroo kallattiin jireenya dhala namaa waliin walqabatan kan hammate yoo ta’u, qoodni guddina dinagdee keessatti qabu guddifachaa akka dhufes himaniiru.
Dhaabbatichi bu’aa argate irraa hanqina daldalaa mootummaa uwwisaa akka jiru ibsuun, waggoota shanan dhufan keessatti hanqina jiru guutummaan guututti uwwisuuf karoorfachuu isaa ibsaniiru.
warshaa warqee Etno Mining kan dhiheenya kana Naannoo Gaambeellaatti Doktar Abiyyi eebbisan keessaa qooda bitachuun hojii daldalaa warshichaa babal’isuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Dhaabbileen misoomaa mootummaa qabeenya Birrii biliyoonaan lakkaa’amu qaban kunneen Itiyoophiyaan liqaa caala qabeenya tarsiimawaa ishee guddaa ta’uu kan agarsiisan ta’uu ibsaniiru.
#Oromiyaa #Ethiopia