Finfinnee, Ebla 14, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan ijaarsa buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Bishooftuuf dhaabbilee mootummaa Ameerikaa, dhaabbilee faayinaansii gurguddoo fi dhaabbilee beekamoo irraa deeggarsa argatte.
Dhaabbileen kunneen waltajjii Roodshoow Faayinaansii Waashingitan irratti pirojetichaaf deeggarsa akka taasisan ibsaniiru.
Anga’oonni olaanoon Ameerikaas ajandaa fooyyessii diinagdeefi guddina Itiyoophiyaa irraa amantaa cimaa qabaachuu eeraniiru.
Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen wayita kana buufanni xiyyaarichaa daldalaafi invastimantiif akka dadammaqsituutti akka tajaajilu ibsaniiru.
Hariiroo gamlamee biyyoota lameenii cimsuufis akka utubaatti kan tajaajilu ta’uu eeranii, riifoormii diinagdee Itiyoophiyaa deeggaruurra darbee dhaabbilee Ameerikaaf carraalee daldalaa bal’aa akka uumu kaasaniiru.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo gama isaaniin, pirojektichi michummaa yeroo dheeraa dhaabbilee Ameerikaa waliin jiru cimsuun fedhii geejjibaa idil-addunyaa guddachaa dhufe guutuuf akka gargaaru ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia