Dhaabbileen riifoormii siilvil sarvisii yaadama Mootummaa Ida’amuun hojiirra oolchuuf dirqama qabu

Finfinnee, Sadaasa 5, 2018(FMC) – Itti gaafatamtuun Waajjira Ministira Muummee fi Ministirri Dhimmoota Kaabinee Alamtsahaay Phaawuloos, dhaabbileen rifoormii siivil sarvisii yaadama mootummaa Ida’amuun hojiirra oolchuuf dirqama qabu jedhan.

Waltajjiin muuxannoo wal jijjiirraa tajaajila mootummaa fi bulchinsa rifoormii Ministeera Hojii fi Ogummaan qophaa’e geggeeffamaa jira.

Alamtshaay wayita kana akka jedhanitti, rifoormichi tajaajilli fi bulchinsi mootummaa guddina barbaadamuun akka hojiirra ooluuf kan gargaaruu dha.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad “Ilaalcha Mootummaa Ida’amuu, milkaaina dhaabbileef” yaada jedhuun leenjii kenname irratti, rifoormiin Siivil Sarvisii guutumaan guutuutti xumuramuu akka qabu kallattii Kaa’uu isaanii ibsaniiru.

Yaadamni Mootummaa Ida’amuu, dhaabbileen baraa baratt kan ce’an, itti fufoo fi nu fakkaachuu qabu jechuun ifatti kaa’ameera.

Kanaafis, rifoormichi yaadama biyyaalessaa irratti kan hundaa’e fi dudhaalee biyyaalessaa irraa kan waraabame ta’uu eeranii, dhaabbilee hunda keessatti hojiirra kan oolu ta’uu dubbachuu isaanii TOI gabaaseera.

Rifoormichi boqonnaa saditti qoodamuun raawwii olaanaa, giddugaleessaa fi boodatti hafaa jechuun adda kan baasuu ta’uu kaasaniiru.

Ministeerri Hojii fi Ogummaas raawwii fooyya’aa galmeessuun filatamuu eeran.

Sababni biraan rifoormichi boqonnaa sadiitti qoodameef dhaabbileen warreen jalqabaa irraa muuxannoo fudhachuun sadarkaa fooyya’aan raawwachuu akka danda’an gargaaruuf jedhan.

Adeemsichi utubaawwan torban rifoormii siivil Sarvisiitiin kan ilaalamu waan ta’eef, dhaabbileen hojiirra oolchuuf dirqama akka qaban hubachisaniiru.

Rifoomii baroota keessatti dhaabbata cimaa ijaaruu kaayyeffate kana adeemsaan fooyyessuu fi cimsuun barbaachisaadha jedhan.

Kanaafis dhaabbileen boqonnaa jalqabaa gara hojiirra oolchuutti, boqonnaa lammaffaa irra warri jiran ammoo gara qopiitti saffisaan galuu akka qaban hubachisaniru.

Milkaa’ina rifoormichaaf bakki hojii mijataan murteessaa ta’uu kaasuun, madaallin hojjettootaa gosaa fi amala hojiin kan wal madaalu ta’uu akka qabus dubbataniru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment