Finfinnee, Sadaasa 15, 2018 (FMC)- Dhagahamummaa Itiyoophiyaan ardichatti qabdu yaa’ii hoggantoota miseensa Garee 20 irratti akka hirmaattu ishee dandeessiseera jedhan Ministirri Ministeera Misoomaafi Pilaanii Dooktar Fitsum Asaffaan.
Jilli Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin durfamu yaa’ii hoggantoota miseensa Garee 20 Afrikaa Kibbaatti gaggeeffame irratti hirmaateera.
Dooktar Fitsum Asaffaan turtii yaa’ichaa ilaalchisee ibsa kennaniin, Itiyoophiyaan yaa’icharratti akka hirmaattuuf kan affeeramte dhagahamummaa fi dhiibbaa ardicharratti qabduun ta’uu kaasaniiru.
Yaa’ii miseensota Garee 20 Afrikaatti yeroo jalqabaaf qophaa’e irratti hirmaachuun ishee hiikkaa siyaasaa guddaa kan qabu ta’uus eeran.
Yaa’icharratti sagaleen Afrikaanotaa akka dhageessifamuuf tattaaffiin taasifamuu kaasanii, waltajjicharratti Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad haasawaa tattaaffii kana cimsu taasisuu isaanii yaadachiisaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad hojiilee jijjiiramaa dameewwan garaagaraarratti hojjetamaa jiran ilaalchisee ibsa kennuu Dooktar Fitsum eeraniiru.
Rakkoolee bulchiinsaa, diinagdeefi faaayinaansii addunyaa akkasumas jijjiirama qabeenya qilleensaa irratti ejjennoo Itiyoophiyaa calaqisiisaniiru jedhan.
Miikiyaas Ayyalaan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.