Dhaloonni har’aa olka’iinsa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf cichoominaan hojjechuu qaba- Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2018(FMC) – Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa aadde Sa’aadaa Abdurahmaan dhaloonni har’aa carraa argatanitti fayyadamuun olka’iinsaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf cichoominaan hojjachuu qaba jedhan.

Guyyaan alaabaa marsaa 18ffaan magaalaa Finfinnee mooraa Caffee Oromiyaa keessatti kabajamaa jira.

Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa aadde Sa’aadaa Abdurahmaan kabaja guyyaa alaabaa kanarratti haasawa taasisaniin, Alaabaan mallattoo birmadummaafi eenyummaa biyyaati jechuun, kabaja alaabaa bara kanaa wanti adda taasisu bara hojiiwwan gurguddoon itti xumurame ta’uu ibsan.

Alaabaan gaaddisa tokkommaa asxaa seenaa waloomaa tahee kan tajaajilu tahuu dubbatanii, guyyaan kunis guyyaa lammiileen Itiyoophiyaa kabajaafi jaalala biyyaaf qaban ittiin mirkaneessan ta’uus eeraniiru.

Dhaloonni har’as carraa argatanitti fayyadamuun olka’iinsa Itiyoophiyaa dhuguumsuuf cichoominaan hojjachuu akka qabu dhaamuu isaanii ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment