Dhaloota malaammaltummaa balaaleffatu horachuun barbaachisaadha – Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Mudde 1, 2018 (FMC) – Dhaloota namuusa qabuu fi malaammaltummaa balaaleffatu horachuuf xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaadha jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan.

Guyyaan farraa malaammaltummaa 22ffaa sagantaalee adda addaan kabajamaa jira.

Jijjiiramnii fi guddinni biyyaalessaa mootummaa Ida’amuun galmaa’e mootummaan malaammaltummaa hadheeffatee waan balaaleffatuufi jedhan obbo Tamasgeen Xurunaan saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin.

Koree Farra Malaammaltummaa Biyyaalessaa Hundeessuun dhimmicharratti hubannoo uumuu fi kallattii furmaata waaraan kennuun hojiileen jajjaboon hojjetamuu himan.

 

Dhaloota namuusa gaarii fi malaammaltummaa hadheeffatee balaaleffatu horachuun murteessaa ta’uu eeran.

Leykuun Alamiin

 

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment