Finfinnee, Sadaasa 30, 2018 (FMC)- Dhaloota Malaammatummaa balaaleeffatuu fi naamusa qabu horachuuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jira jedhe Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaamatummaa Oromiyaa.
Guyyaan farra malaammaltummaa marsaa 20ffaan akka Naannoo Oromiyaatti Godina Baalee magaalaa Roobeetti mata duree “Dhaloota naamusaan ijaaruu, tajaajila qabatamaa kennuu” jedhuun kabajameera.
Guddina biyyaaf qormaata kan ta’e malaamaltummaa ittisuuf dhaloota hojmaata isaarratti ejjennooon qabsaa’u horachuuf xiyyeffannoon hojjetamaa jira jedhan Komiishinarri Komiishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Abdallaa Ogatee.
Hojmaata malaammaltummaa adeemsa tajaajila mootummaa keessatti mul’atu maqsuuf hojimaata dijitaalaa gochuuf hojiin eegalame cimee akka itti fufus ibsan.
Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Ittigaafatamaan Ijaarsaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa gamasaaniin, malaammaltummaan gocha badaa rakkoo diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa biyyattii keessatti kan fiduudha jedhan.
Malaammaltummaa ittisuun ittigaafatamummaa dhaabbilee fi lammiilee hundaa akka ta’es hubachisaniiru.
Olyaad Ahimaditu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.