Dhaloota seenaa hojjennu ta’uu keenya hubachuun barbaachisaadha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 26, 2017 (FMC) – Seenaa wal saamnu oosoo hin taane dhaloota seenaa hojjennu ta’uu keenya hubachuun barbaachisaadha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Abbootiin hidha Abbayyaa ijaaruuf yaalaniiru, lolaniiru,  hojiileen aartii hedduun dhimmacharratti hojjetamaa turaniiru jedhan Dooktar Abiy.

Ministirri Muummee duraanii FDRI Mallas Zeenaawwiin haalli jiru mijataa ta’uu hubachuun bara 2003 Ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa eegalchiiisuu isaaniif galateeffamuu qabu jedhan.

Kunis waan hogganaa biyya tokkoorraa eegamu ta’uu eeruun, hidhichi eegalamee waggaatti boqochuu isaanii dubbata.

Ministirri Muummee duraanii FDRI Hayilamaariyaam Dassaalenyis hojicha sadarkaa ta’erraan gahuu eeran.

Isaanis hojii hojjetaniif galateeffatamuu qabu jedhan.

Wayita sana bulchiinsi piroojektii rakkoo qabaachuu kaasuun,  haalli siyaasaas dhiibbaa uumee ture jedhan.

Ammas ta’ee dura hirmaannaan ummata Itiyoophiyaa raajii turuu kaasan.

Abbaan dhimmaa adda dureen ummata Itiyoophiyaa ta’uu ibsan.

Nuti kan Seenaa wal saamnu oosoo hin taane dhaloota seenaa hojjennu ta’uu keenya hubachuun barbaachisaadha jedhan.

Barrichi bara bayyanannaa ta’uu Itiyoophiyaanoota qofa osoo hin taane addunyaan Abbaayyaa waliin dhimma ragaa ta’uu danda’u akka ta’e himan.

Malaakuu Gaddifiin

#Oromia#Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment